Hagayya 05,2012 Adaabbbaa
Gabaasaa Hagayya 4 godina Baalee, Ona Adaabbaa irraa addeessuun Qeerroon Ona sanaa ifatti baasee sodaa tokkoon malee ifaa fi bilisaan waamicha warraaqsa bilisummaa Oromootti uummata fi barattootaaf waamicha gochaa akka jiru gabaasaan addeessa. Kunis har’a ganamaa eegalee guyyaa guutuu uummannis ta’e barattootni, dargaggoonni ona sanii marti waraqaa qabsoo, dhaadanoo babarreesuudhaan, sirboota qabsoo kaasetta kan manaa qabu gadi yaasuudhaan daandii irratti Teeppii fi moobayilaan sirba qabsoo ona Adaabbaa hamma ganda isaa keessatti wal qabsiisuudhaan sirba qabsoo fi tamsaasa barruuleetiin guyyaa har’aa akka oole gabaasan addeessa. Akkasuma milishootni ona sana irra jiran kaka’umsa kanatti hirmaachaa akka jiran, keesumaa poolisii Oromiyaa ona sanii hidhannaa isaanii hiikkatanii sochii uummataa fi qeerroo kanatti akka hirmaatan qeerroon ona Adaabbaa addeessa. Poolisoota hirmaannaa kanatti makaman maqaan isaanii yeroof baasuu baannus nama 4 akka ta’anii fi warraaqsatti makamuu isaanii ammo ummanni naannichaa akka gammachuu qabu qeerroon beeksisa.
Sochii warraaqsaa kanatti hirmaannan uummataa kan dargaggoo ona sanii akka caalee jiru, namoonni siyaasaa godina sana keessa jiru har’a utuu manatti hin hafin sochii karaa qeerroo eegale kana humna itti gochuudhaan dhaadannoo qeerroon barreessee ona sana irratti tamsaase qabatanii akka dhaadessaa oolan gabaasan addeessa.
Dhaadannoon barreeffame kunis :
BILISUMMAAN SABA KEENYAAAF, DHALA KEENYAAF, BARATTOOTA KEENYAAF, ILMAAN OROMOO WALII GALAAF!!” kan jedhu ture. Akkasuma “INJIFANNOON SABA OROMOOF,INJIFATAMUUN DIINA OROMOOF” jedhanii magaalaa Adaabbaa fi gandoota keessatti akka dhaadeffamaa oole gabaasaan addeessa.
Namootiin sabboonota fakkatanii hojii walfakkaatuuf sobanii namoota kakaasuuf yaaluudhaan eenyummaa namaa basaasan waan jiraniif isaan akkasii irrattis qabsaa’uu qabna.