Hagayya 01,2012 Gimbi
Godina Wallagga lixaa aanaa Beegii ganda Qondaalaa keessatti qorannaan mootummaa wayyaanee haalaan jabaachuun hojjettootni mootummaa rakkaman.Godina kana keessatti mootummaan wayyaanee Miseensota OPDO isin ABO dha,ABO nurratti ijaaraa jiru jechuun guyyaadhaa guyyaatti
oolmaa isaanii akka gabaasan dirqamsiistee jirti.HojjetaaObbo Tashoomee Dheeressaa jedhamus akeekkachiisa itti kennanii jiran.
Haaluma wal fakkaatuun diddaan Oromiyaa keessatti deemsifamaa jiru jabaachuun shirri mootummaan wayyaanee gaaffii mirgaa ukkaamsuuf deemu Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Mattuu keessatti fashale.Mootummaan Wayyaanee gaaffii mirgaa uummatni oromoo hojii dhabdummaan baay’ate,qaala’insi jireenyaa dabale jedhu ukkaamsuuf deemu fashaluun uummatni wal gahiif waamame lagatee jira.Godina Shawaaa lixaa aanaa Ijaajjii keessattis uummatni Musliimaa gaaffii mootummaan Wayyaanee dhimma amantii keessa seenuu hin qabu jedhu jabeessuun mootummaa Wayyaanee cinqan.Mootummaan wayyaanees waraana hedduumminaan bobbaasuun sakatta’insaa fi doorsisaan uummata goolaa jiru.
QEERROO must lead the resistance against gabrumma. Don’t expect those leaders leading you from distance they may be criminal. Fight it is your right. !!