Hoggantoonni OPDO Godinaa Ummata Hiraarsuuf Bobba’an ,Ifii Hiraaranii Baqatan.

Adoolessa 30,2012 Giddaa
Aanga’oonni Wayyaanee Godina Wallagga bahaa Adoolessa 27,2012 ummata naannawaa Giddaa Kiramuu jiraatan qorachuu fi humni addaa fi sochiin dargaggoota Oromoo naannoo san jira sababa jedhuun naannichatti bobba’nii waajira bulchiinsa OPDOtti  osoo wal gahii deemsifataa jiranii konkolaataa isaanii irratti tarkaanfiin fudhatameen konkolaatichi akka jirutti gubatee jiraachuu Qeerroon Kiramuu irraa gabaasa.

Aangawoti godinaan qormaataaf gara naannichaatti bobba’an :-

1.Taarraaqenyii Oljirraa Nagaasaa Kaabinee wajjiraa barnotaa Godinaa,

2.Laggasee Dhugumaa waajjiraa dhimmaa dhaabaattii abbaa adeemsaa hojii godinaa,fi

3. Asaffaa Gannatii poolisii itti gafatamaa qoraannoo yakkaa godinaa

Yeroo ta’an aangawoonni OPDO kun ummata dararuuf kan naannichatti bobba’anii turan battala magaalicha dheessanii balaa san jalaa yeroof of baraaruu isaanii Qeerroon Ona Kiiramu irraa gabaasa.

Leave a comment