Walitti bu’insi Poolisoota naannoo fi kan Feederaala Wayyaanee jidduutti ta’een gara lachuu irraa 5 haalaan madaayan. humni addaa ABOs haleellaa jabeesse.

Adoolessa 29,2012 Naqamte

Adoolessaa 27,2012  Godinaa Wallaaggaa Bahaa Onaa Diggaa Saasiggaattii Tarkaanfiin mayyii jabaate poolisotaa nannoo dabalachaa jira. Onaa kanaattii tarkaanfii humna addaan diina irratti fudhatame  Adoolessaa 27,2012 ganamaa qondaalota Wayyaanee konkolaataa bulchinsaa Go/Bahaa Wallaaggan fe’amanii  gara Diggaa Saasiggaatti seenaa jiran irratti haxxee hidhuun haleellaa taasifameen shofeerri konkolaatichaa harka rukutamuun kanneen hafan waardiyyoota isaanii waliin dhukaasa jajjabaa banuun lubbuuf bagaqatnii naannoo san irraa dheessan.

Haala kanatti kan rifatee fi aare mootummaan Wayyaanee Adooleessaa 27,2012 galgalaa humnaa addaatu biyya seene sababa jedhuun poolisoota feederaalaa dabalatee gara gara Onaa Diggaa Saasiggaattii  konkolaalataa barreeffaama”Federal Police”jedhuu qabduun utuu  fiigaa jiraani humnii addaa riqichaa daandii konkolataa Diggaattii seensisuu bakkaa Stiggee jedhamuun beekamuu magaalaa Neqemtee irraa 12km fagaatee kan argamuu jala riphee eggaachuun haleellaa deemsiseen, konkolaataan sun ariitiin waan fiigaa jirtuuf argachuu hin dandeenyee ture.

Haleellaa kanatti daran rfachuun poolisonnii nannoo kan Onaa Diggaa Saasiggaa maltu nuti dhufee jechuun rifatanii meeshaa waraanaa isaanii fudhatanii dirmachuuf akkumaa qophaanii bahanittii waan isaan hin eegnee isaan mudatee, haalumaa kanaan Polisonnii Federaalaa isiin biyyaa maal eegaa jirtuu isinituu biyyaa jeeqaa, karaatti ABO nu eggaachiiftaanii(nu jala keessaanii) ofii magaalaa keessaa boontuu jechuun waliittii bu’insii cimaan gidduu poolisotaa nannoo fi fedeeraalaattii dhalatee, hanganumaan rasasaa wal irraattii xaaxessuun dhufee, dhukaasaa garee poolisotaa lamaan irraa godhamuun uummaannii akkaa malee jeeqame, Pooliisonnii nannoos walitti bu’iinsa klanaan namni lama

1. Caalaa Fiqaaduu fi

2. Amaanu”eel Dasaalenyi

Akka malee madaa’anii Hosptala Naqamteetti ergaman.

Poolisoonni Federaalaa namonnii 3 akka malee madaa’anii dhiigaa coccobsaa konkolaatattii fee’amuu namoonnii ijaan argaan ajaa’ibsifatanii jiru. maqaan poolisotaa federaalaa kanaa yeroof argachuu hin dandeenye.

2 thoughts on “Walitti bu’insi Poolisoota naannoo fi kan Feederaala Wayyaanee jidduutti ta’een gara lachuu irraa 5 haalaan madaayan. humni addaa ABOs haleellaa jabeesse.

  1. GAARIIDHA GARUU HIRRINNI KEENYAA MAALI BARTANII? KONKOLATAAN SUN HAFUUFI SABABA KANTA`E INNI GUDDAAN BARUMSA DHUKASA TARGETII ITTIN RUKUTAN DHABUUDHA. OROMOON FEDHIIN BILISUMMAAFI QABU UTUU BISHINAAFI QOPHII SAMMUUTIIN WALIIN TA`EE EENYU IYYUU ITTIIN NIQIXAATU. KANAAFI IYYUU UTUU WAA HINHOJETIN WAAN SANA AKKA ITTIIN HOJJECHUU DANDEENYUUFI UTUU BARUMSA GA`A WALIIF LAATAA TA`E NATTI TOLA

Leave a comment