Fincila Diddaa Gabrummaa Duubaan Jirtu Sababa Jedhuun Hojjettooti Mootummaa 12 Hojii Irraa Arihaman. Diddaan Ummataas Itti Fufe

Adoolessa 25,2012 Muggii
Gabaasaan Qellem, Ona Anfilloo irraa addeessuun har’a,Adoollessa 23/2012 hojjetoonni OPDO namni 12 hojii irraa akka ari’aman Qeerroon naannicha irraa gabaaseee jira. Kunis diddaa baatii tokkoo oliif osoo wal irraa hin citiin ona Anfilloo keessatti qabateen hamma har’aatti itti fufuudhaan humni waraanaa fi dabballooti Wayyaanee dhaamsuu waan hin dandeenyeef jecha. Hogganoonni Wayyaanee ol aanoon naannoo sanatti bobba’anii bulchitoota naannichaa isin sochii ummataa fi addatti Qeerroon taasisu keessaa harka qabdu,ABOn ijaaramtanii jirtu jechuun yakkamanii namoonni 12 Adooleessa 23,2012 hojii isaanii irraa ari’amanii jiru. Kanneen kunis:-
1. Ogeessa Fayyaa; Abarraa Waaqjiraa
2.Ogeessa fayyaa; Ayyaanaa Sanbatoo
3.Barsiisaa Marabbaa Foggii
4.Hojjetaa dirree misoomaa ganda gargeedaa, Abdii Furgaasaa
5.Bulchiinsa ganda Yattii, Solomoon Jaallataa
6.Bulchiinsaa fi Faayinaansii aanaa Anfilloo, Masqaloo Higguu
7.Barsiistuu M/B sadarkaa 2ffaa Muggii; Caaltuu Tufaa
8.Itti Aanaa Bulchiinsa aanaa Anfilloo, Suphaa Naga’oo
9.Barsiisaa M/B qophaayina Ashii; Nugusee Hirphaa
10.Barreessaa Ganda Yattii, Phaawuloos Irkaasaa
11.Barsiisaa M/B sadarkaa1ffaa Yattii, Kennasaa Lammeessaa
12.Ittisa ganda Yattii, Roobaa Tulluu
Kanneen jedhaman ABOn shakkamanii ari’amuu Qeerroon magaalaa Muggii irraa gabaasa guutuun addeessa. Warreen hojii irraa ari’aman kunis akka jedhanitti osoo Wayyaaneen nu hin ari’iin duratti ofii keenyaatii hojii sirna bittaa kanaa dhiisuuf akka murteeffannee jirra ifaa waan ta’eef haala kanatti ni gammadna malee homaa gadda adda hin qabne ifaa dha jedhu. Ummanni naanichaas warra hojii irraa ari’aman kana waan qabnuun gargaarrii waliin qoodachaa jireenyaa keenya itti fufuun haalli gochaa wayyaanee kun ammo akka nurraa dhaabbatuuf qabsoo fuula duratti nu eeggatuuf karaa fi aanjaa guddaa nuu bana kan jedhu yaada dhiheeffatanii jiru.
Qabsoon Itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Leave a comment