Kaabinoonni Aanga’oo 11 Sirna Wayyaanee Diduun Hojii Dhiisan

Adoolessa 23,2012 Laqamte.
Godinaa Wallaaggaa bahaa Onotaa Haaroo Limmuu fi Limmuu Galiilaa irraa Kabinoonnii OPDO ol aanoon angoo irra turan sirna mootummaa Wayyaanee nu gaha jechuun aangoo gadi lakkisan.
Haaluma kanaan Onaa Haroo Limmuu irraa
1.Admaasuu Guddaataa    Bulchaa Onaa Haroo Limmuu
2, Fayisaa Biilaa     I/A/Bulchiinsaa ” ”
3,Daasalee Dabaloo   Bulchinsaaf fayinansii ” ”,
4,Girmaa Duubee   Itti gafatamaa wajjiraa OPDO ” ”
5. Adulaa Gannatii     Miseensa kabinee ” ”
6. Biraanuu Gammadaa     miseensa ” ” ”
Kanneen jedhamaa yoo ta’an warri hafan 5 Onaa Limmuu Galiilaa irraas diddaa isaanii beeksisuuf sirnicha nu gaha jedhan keessaa
1, Asaffaa Galataa    I/G /Waajjira barnotaa onaa Limmuu Galiilaa
2,Margaa Sirnaa     Bulchaa Onaa Limmuu Galiilaa
3, Abdiisaa Goobanaa    Af-Yaa’ii Onaa Limmuu Galiilaa
4,Insarmuu Gurree    Bulchiinsaafi faayinaansii ” ”
5.Tsaayii Mengashaa   I/Gaafatamtuu wajjiraa OPDO Onaa Limmuu Gaalilaa kanneen jedhaamaan keessatti argamu
Aangawoonni kun yeroo adda addaatti tika mootummaa Wayyaanee fi humna waraana Wayyaaneen ummataa tasgabeessuu hin dandeenyee akeeka ABO qabattanii waan jirtaniif ummanni walitti fufiinsaan fincila nurratti gaggeessaa jira,humni waraana ABO naannoo kanaa sosso’u gargaaruu keessaa bulchiisi qooda qaba kan jedhuu fi yaadota adda addaan qormaatti irratti gaggeefamaa waan tureef jecha sirni EPRDF hamma fedhe yoo isa tajaajilan deebisee nama nyaata waan ta’eef sirna bususee badaa jiru kanaaf tajaajilbuu irra gaaffii ummati keenyi gaafachaa jiru waliin deemnee waan dadneenyu mara gumaachina kan jedhuun angoo lakkisan
Gama biraan mootummaa Feederaalaa irraa ergamne kanneen jedhan qondaalotiin Wayyaanee guyyaa har’aa akka ummataaf ibsaa jiranitti, Kaabinoonni kun ofiin aangoo lakkisan osoo hin taane waan akeeka ABO qabaniif mootummaan aangoo fi gaafatama isaanii irraa ari’e jechuun dubbatu. Mootummaan ari’es ta’e sabboontoti kun aangoo fiin lakkisuun dhimma qabsoo bilisummaa Oromoo waan ta’eef Oromoonni sirna mootummaa tajaajilan marti haallen kana irraa baratee bakka maratti tajaajila sirna kanaa akka dhaabuuf fakkeenya gaarii ta’anii argamu.
Kanneen aanogoo irraa lakkisanii qabsoo uummataatti makaman kana keessaa Qeerroon Adoolessa 23,2012 ganama argee akka dubbisetti “ Nuti naannoo keenya kanaa warri hojjennu sabboontota ilmaan Oromooti,dararaan ummata Oromoo irra gahaa jiruu fi maqaa sabboonummaa isaan ilmaan Oromoon kanneen dhumaa jiran lakkoofsa hin qaban,mootummaan kun unuun of fuula dura qabee ummata keenya fixaa waan jiruuf kana ammo teenyee ilaaluu irra hojii gadi lakkifnee akka ummati keenya ta’u taana jenneeti” jedha.
Haala kanaan dhuma jaarraa bulchiisa Wayyaanee jala Oromoota bulchiinsa irra jiran qofa osoo hin taane kanneen waraana keessa jiran marti sirna cunqursaa kana akka hin tajaajjilleef diddaa muldhisuun meeshaa isaanii mootummichatti akka deebisaniiif jecha waamichi kara karaa darbaafii jiraachuu Qeerroon gabaasa.

9 thoughts on “Kaabinoonni Aanga’oo 11 Sirna Wayyaanee Diduun Hojii Dhiisan

  1. Jarri kun galateeffamuu qaba. Kaabinoonni Oromiyaa keessa jiran kabiroonis duuka bu’uu qabu. Kaabinummaa dhiisuu qofa utuu hintaane qabsoo keessatti qooda fudhachuus qabu. Icciitii Woyyanee ka beekan saaxilbaasuun qabsoo keessatti dhimma ittiba’uu qabu.

  2. Hedduu nama gammachisa warreen aangoo gadlakkisan kun, warreen angoo OPDO irratti hafaan ammoo akka ofdubaa garagaranii of ilaalan eenyuuf akka hojjechaa jiran of duba yaa mul’atan Bilisummaa dacheesaanif yaa yaadan akka meeshaa diini kan isaanitti fayyadaman isaan gaha. Ni bilisoomna, injifannoon kan keenya!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!

  3. Warraa mootummaa keessa jirani wajjiin harka walqabachuun BAYYEE barbaachisadha yeroo ammaa. Warri mootummaa keessaa mataa irra jiran gad dhiisani ba’uu duwwaa uttuu hinta’in accumaa taa’ani diina hundumaa bulchiisaa keessa jiran malaan bobaatti nam’ani funyo cimmaadhaan xaxuufii gundunfuu qabuu akaa isheen hinsoccooneef.

  4. waraanni opdo yero amma motummaa cunqurssa kana laffaan gahuudhaaf gahee guddaa taphachuu qaba ummata wajjiin taatanii garadiinaatii boba’uu qabdaan.ufiin uf bulchuu qabinnaa fakkeenna biiyya misraa fudhadhaa ummatattii hindhukasina

Leave a reply to TOKKUMMAA WALLOO Cancel reply