Godina Iluu Abbaa Booraa Keessatti FDG Ka’een Ummannii Fi Waraanni Wayyaanee Walitti Bu’e. Hidhataan EPRDF Tokkos Irree Ummataan Adabame.

Adoolessa 20,2012  Mattuu

Godina Illuu Abbaa Booraa ona Didheessaa jedhamu keessatti walitti bu’iinsi uummataa fi hidhattoota Wayyaanee gidduutti har’a( Adoolessa 19) guyyaa keessaa naannoo sa’atii  3:00wb walitti bu’iinsi guddaan akka ture qeerroon gabaasa.Sababiin walitti bu’iinsa kanaas daandii konkolaataa magaalicha keessa bahee gara Gambeelaatti kutu  diddaa ummataan waan cumfamee jiruuf humni Wayyaanee olii gadi deemu karaa darbaa dhabuu yeroo dadhabetti ture kan diddaan kun ka’e. Haala kanaan namoota daandii kana cufanii fi ummata kakaasan sakattaanan jedhanii ummata hiraarsuuf  hundi Wayyaanee bobba’e  ummanni Oromoo naannichaas waraana Wayyaanee naannichatti bobba’e dura dhaabbachuun walitti bu’iinsi guddaa ta’ee jira.

Adooleessa 18,2012 ummata haala kanatti shakkin jechuun gara mana hidhaatti geessuuf yeroo waraanni Wayyaanee bobba’e  irree uummantaan reebamuun of irra yeroo galagalu haalli kun uummata magaalichaa daran kan onneesse waan ta’eef har’a galgala kana uummanni meeshaa qabu baafachuun  Wayyaanee ifatti loluun itti fufee jira.

Haala kanaan lukkeelee Wayyaanee meeshaa hidhatanii ummata itti dhukaasaa turan irraa irreen ummata Oromoo nama  maqaan Abbayi Firaachoo   nama jedhamu tokko irratti tarkaanfii maayyii fudhatchuun meeshaa isaa guutuu irraa hiikkatanii iraachuu gabaasi Qeerroon addeessa.

Hidhattooni wayyaanee hafan kaan isaanii lubbuudhaan uummata baqatanii akka bahan, meeshaa isaan gatanii bahanis harka uummataa akka gale qeerroon gabaasee jira. Daandiin kun kan cufame magaalichaa keessa bahee gara bosonaa waan ta’eef humna addaa ABOtu jira jechuudhaan kallattii sana irratti humna waraanaa naannoo Gambeelaa irraa, akkasumas  Finfinnee irraa halkan kana geessaa akka jiru qeerroon gabaasaa nuun gahee jira. Odeeffannaan isaa akka nu gahee jirutti daandiin kun kan cufame sabboontota Oromoo shamarran nama lamaan akka ta’e gabaasaan addeessa. Sababa lukkuu wayyaanee kanaa galaafatameef walitti bu’uunsi uummataa fi mootummaa wayyaanee gidduutti ta’aa jiru akka itti fufaa jiru gabaasaan addeessa.

Karaa biraa barruuleen warraaqsaa dargaggoota magaalichaan heddumminaan faca’uu fi maxxanfamaa akka ture Qeerroon gabaasa.

 

3 thoughts on “Godina Iluu Abbaa Booraa Keessatti FDG Ka’een Ummannii Fi Waraanni Wayyaanee Walitti Bu’e. Hidhataan EPRDF Tokkos Irree Ummataan Adabame.

Leave a reply to lemi Cancel reply