Finfinnee keessatti hordoftootni amantaa Musliimaa hiriira nagaa taasisan! humni dura dhaabbatus dhibe! Qeerroonis waraqaalee dhaadannoo bakkeewwan hedduutti maxxanse!‏

Adoolessa 20,2012 Finfiinnee

Uummatni musliimaa gaaffii mirgaa kaasne mootummaan Wayyaanee dura dhaabbachuu hin danda’u,Sababa gaaffii mirgaa kaafneefis hordoftootni amantaa musliimaa hidhamuu,ajjeefamuu hin qaban jechuun Guyyaa har’aa sa’a 1:00 pm irraa kaasee Masgiida guddaa Masgiida Anuwaar irraa jalqabuun hiriira nagaa jabaa taasisan.Hiriira kanaan waraanni mootummaa Wayyaanee irraa dirqama fudhate waan godhu dhabee ilaaluuf kan dirqame ture.Hordoftootni amanataa musliimaas barreeffamoota dhaadannoo
1. Bakka bu’aa hidhuun bakka buutota mara hidhuu dha
2. Mootummaan hordoftoota amantaa musliimaa hidhee duuba nu deebisuu hin danda’u
3. Rabbii malee mootummaan wayyaanee jabaa miti.Hin bitamnuufis
Kan jedhan qabachuunn hiriira nagaa wayita taasisanitti jilbeeffachuun Wayyaanee nu jilbeeffachiisee nu tumaa jira,Harka wal qaxxaamursuun Sirni bulchiisa Wayyaanee nu hidhaa jira,Harka itti hurgufuun mootummaan wayyaanee hurgufamee aangoo irraa haa bu’u kan jedhan agarsiisuun Wayyaanee balaaleffachaa oolanii hanga deebiin isaanii argamutti itti fufinsaan akka gaafatan waadaa seenanii jiran.Mootummaan EPRDF wayyaaneen magaala Finfinneen alatti hordoftoota musliimaa gowwoomsuun gaaffiin musliimotni Finfinnee gaafatan sirrii waan hin taaneef hiriira nagaa bahaatii balaaleffadhaa jechuun gowwoomsaa jiraachuu isaas hordoftootni amantaa musliimaa marti akka hubatan dhaammatanii jiran.Hiriira nagaa taasifameen uummatni naannoo Finfinnee marti haalaan itti gammadanii jiran.
Sochiin Dargaggoota Biyyoolessaa kan Bilisummaa fi Dimokiraasii(Qeerroo)n hiriira nagaa taasifamee gaaffii mirgaa gaafatamu kan deeggaru tahuu ibsatee jira.Waraqaaleen dhaadannoo
1. Gaaffii Hordoftootni amantaa musliimaa gaafatan gaaffii mirgaati!
2. Oromia shall be free
3. Mootummaan wayyaanee tokkummaa ilmaan oromoo diiguu hin danda’u
4. Wal qixxummaan amantiilee biyyattii keessaa haa kabajamu
5. Miseensotni OPDO qeerroo cinaa akka taatan dhaammanna
6. Mootummaan wayyaanee Abbaa Irree fi Garboomfataa dha
7. Oromiyaa irratti Oromootu aangoo qaba!
8. Saaminsi lafaa fi qe’ee irraa buqqa’uun haa dhaabbatu fi k.k.f
Magaala Finfinnee Markaatoo,Piyaassaa,Gullallee,Laga Haarii fi Qaallittii keessatti haalaan maxxanfamanii jiran.Waraqaaleen kunneen Magaala Amboo fi Dirree Dawaa keessattis Bakkeewwan garaa garaatti maxxanfamanii jiran.
Gabaasa dabalataa  itti fufnee dhiheessina
Qabsoon itti fufa! Gabroomsaan ni kufa!

2 thoughts on “Finfinnee keessatti hordoftootni amantaa Musliimaa hiriira nagaa taasisan! humni dura dhaabbatus dhibe! Qeerroonis waraqaalee dhaadannoo bakkeewwan hedduutti maxxanse!‏

  1. Mootummaan Woyyaanee jiguuf/kuffuf/ rom’aa jirti. Gareen siyaaaa habashaa kamiyyu kufaatii Woyyaaneen booda Oromiyaa akka hinto’anne ammumaan toofta fi tarsiimoo baafannee sirriitti wal ijaaruun haala bilisummaa keenya karaa qaxxamuraa argannu uumuu qabna.

  2. ilmaan oromoo kan taane hundi tokummaan keenya akkuma itti fufetti ta’a kanaaf woyyaaneen abdii kutatterti.yaa ilmaan oromoo ka’i bilisummaa keetif halkanii guyyaa boqonnaa hin fedhin maaloo.we shaal be free.long live for all

Leave a reply to obsaa Cancel reply