Tika Wayyaanee Beekamaa Fantaa Geetachoo Jedhamuu fi Qabeenya Isaa Irratti Tarkaanfiin Laalessa Fudhatame.

Adoolessa 18,2012 Dambi Doolloo

Gabaasaalee Qeerroo yeroo darbee keessatti diddaan sirna mootummaa Wayyaanee  Ona Anfilloo  Ganda Yattii irratti eegale osoo wal irraa hin citiin itti fufee jiraachuuu gabaafamee ture.

Haala kanaan naannoo Anfillootti yeroo dheeraaf ergamaa Wayyaanee ta’uun ummata hiraarsaa kan turee fi humna addaa WBO adamsiisaa kan ture maqaa ABO tiin ummata naannoo sanii fi  keessattuu dargaggoota Oromoo manneen barnootaa irraa hiisisuun  kan beekame nama maqaan Fantaa Geetachoo jedhamu akeekachiisi itti kennamee ture. Akeekachiisa ummanni kenniifii diduun diddaa ummataa dura dhaabbachuun humna poolisa Federaalaa naannoo sanitti bobbaasuun ummata hiisee kaanis hiisisaa osoo jiruu eda Adoolessa 17,2012 galgala  mana jireenya isaa horii guddaan hojjechiisee jiruu fi qabeenya isaa guutuu humni hin beekamiin tarkaanfii irratti fudhateen guutummaan qabeenya isaa barbadaayee jira. Inii fi maatiin isaa haala kanaan madaayuun yeroo ammaa mana Yaalaa galanii  haala hamaa keessa akka jiru gabaasi naannicha irraa nu gahe addeesse.

Guyyaa har’aa Adoolessa 18,2012 humni dabalata poolisa Wayyaanee  naannoo kanatti bobba’uun ummataa fi dargaggota naannichaa  namoota tarkaanfii kana fudhatan baasa jechuun qabee qormaata akka jiru gabaasi nu gahe beeksisa.

Qabsoon itti fufa!Gabrummaan ni kufa!

 

3 thoughts on “Tika Wayyaanee Beekamaa Fantaa Geetachoo Jedhamuu fi Qabeenya Isaa Irratti Tarkaanfiin Laalessa Fudhatame.

  1. Tarkaanfiin akkanaa kun to’annoo Woyyaaneen ol akka ta’uufii kisaaraa olaanaa Woyyanota irraan akka ga’uuf:
    1ffaa. Bifa qindaa’een iddoo adda addaatti si’a tokkicha ta’uu qaba;ittifufinsaanis adeemuu qaba.
    2ffaa. Woyyaanota sochii ana dhaamsuu adeeman karaa cufuu fi dildila caccabsuun cinaa mala adda addaan rukutuuf tooftaa hahhaaraa babbaasaa adeemuu qabna.

  2. Haalli jiru baayyee nama jajjabeessa. Yeroo kana Oromoon kam iyyuu tokkummaa irratti hojjechuu qabna. Iccitii walii ha eegnu. Wal ha gorsinu. Diinatti dabarsee kan wal kennu immoo Oromoo miti. Sanyii hir’uu yoo ta’e malee.
    Qabsoon ha finiinu. Wal qabannee ha kaanu. An karaa koo ka’eera. Ga’ee mataa koo ba’uudhaaf.

Leave a reply to Falmataamirgaa! Cancel reply