Sirni Diktaateraa fi Cunqursaa TPLF Xumura Argachuuni fi Cunqurfamtootni Mirga isaanii Harka Galfatuun Yeroon isaa Amma
Ibsa Sochii Dargaggoota Biyyoolessaa Bilisummaa fi Dimokrasiif (Qeerroo), Adoolessa 2012
Mootummaan abbaa Irree EPRDF erga aangootti bahee ummati Itopiyaas ta’e addatti Oromoon nagaa fi qabbana argatee qe’ee isaa irra guyyaa tokkoof illee hin jiraanne. Erga TPLF baroota 21f aangoo gubbaatti human waraanaan of irroomsee as maqaa mirga sabootaan kabajchiisaan kakataa garuu mirgi sabootaa ukkaamsaa fi kanneen mirga isaaniif falman duguugaa fi hidhaatti dararaa as gehe. Beelli, hiyyummaan, hidhaa fi ajjeechaan akkasumas qabeenyaa samamanii dachii irratti dhalatan irraa buqa’uun miidhaa daangaa hin qabnetu ummata irra gahaa yoona gahe. Sirni nama nyaataa ta’ee ummataafis ta’e biyyattiif silmii itt ta’ee jijjirraa tokkoon malee yoona geessisuun waan hin malle tahus umanni baroota bittaa Wayyaanee kanatti diddaa deemsisuu irraa osoo duuba hin jedhiin warraaqsa wal irraa hin cinne gaggeessaa yoona gahan. Warraaqsa kana keessattis wareegamni bahe haalan guddaa dha.
Oromiyaa keessatti soda fi dinummaa sirni kun Oromoof akka sabaatti qabu irraa ummanni Oromoo hidhamuu fi qe’ee isaa irratti hiraafamuun daangaa dhaba tahu illee cunqursaa gara jabina kanaf osoo hin jilbeeffanne ummanni Oromoo walabummaa fi bilisummaa isaaf aarsaa hiriyyaa hin qabne kafalaa yoona gahee jira. Aarsaa kafalame kana keessatti manneen hidhaa biyyattii Oromoota kumaatama hedduun lakkaawaman nyaatee hafe. Karaa nagaa mirga gaafachuun dadhabsiisaa taanaan filmaati jiru qawwee kaasanii mirgaa sabaaf falmuun mirgaa fi dirqama waan taheef ilmaan Oromoo kumaan lakkaawaman bilisummaa saba isaaniif aarsaa kafalaa diddaa muldhsuun yoona gahe. Gutummaa ibsa kanaaf:- Ibsa Qeerroo Adoolessa 17,2012 Finfinnee

Dhiigni Oromoo bilisummaaf dhangala’e utuu bakka tokko nam’ee laga ta’uu dandaa’a. Dhiigni bilisummaaf jecha dhangala’uun nama hingaabbisiisu;dogoggorrii fi gaabbii guddaan kaayyoon dhiigni kun dhangala’eef utuu hinmilkaa’iin yoo hafedhha. Kanaafuu dhaloonni oromoo si’anaa/ammaa/ hamilee, tooftaa, humnaa fi tarsiimoo haaraan kaayyoo moofaa kana galmaan ga’uu qaba. Maqaa jijjiramaatiin kaayyoo haaraa hinfeenu;tarsiimoo fi tooftaa haaraa malee.
Yoom illee nuti ilmaan Oromoo tokkummaan kanee bilisummaa kenyaaf gumaacha nurraa eegamu basuuf qophii irra jirra injifannoon ammoo kan dhufu aarsaa garagaraa yoo kaffalan malle argamuu hin danda’u, kanaaf marti keenya bakka jirruu gurmoofnee bilisummaa keenyaaf gumaachuu qabna, yoom illee nuti dargaggoonni Oromoo WBO birra dhaabannee luubbun keenya hamma wareegamutti aarsaa ni kaffalla. Kanamalees bifa ittin sin quunamnu dhamnee malee gargaarsa qarshii illee ni gumaachina.