Diddaan karaa hordoftoota amantaa Musiliimaan eegalee kan magaalaa Finfinnee akkuma jirutti itti fufee jiraachuun isaa beekamaadha.Halkan Edaa dhukaasni Uummata kana irratti banamee akka jiru Qeerroon gabaasa.Ammallee daandii konkolaataa cufuudhaan ganama kanaa kaasee itti fufee jira.
Akkasuma guyyaa har’aa(July 16, 2012) hordoftoota amanataa kana keessaa fincila kanaaf adda dureedha jedhamanii shakkaman jedhee ummata nagaa karaa isaa irra deemu mootummaan Wayyaanee qabee bakka buuteen isaanii dhabamee jiru, qabamuu isaanii malee bakka itti hidhamanii fi bakka geessee isaanii hamma ammaatti kan hin argamne namoota maqaa isaanii argannee jirru :
1.Mohammad Alii
2.Shariif Husseen
3.Kaliifaa kamala
4.Mohaammad A/Jiffaar
5.Yasuuf Kadir
6.Abdallaa Kadir
7.Faaxumaa Mohaammad
8.Osumaan Awwal
9.Kadiroo Yasuuf
Kanneen jedhaman kun naannoo mana sagadaa Anuwaaritti tika Wayyaaneetiin qabamuu isaanii namootni argan dhugaa iyyuu garuu hanga ammaa bakka buuteen isaanii hubatamuu hin dandeenye. Kun ammayyuu hordoftoota amantaa musiliimaa boodatti kan deebisu osoo hin taanee amma gara qindoomina caalutti deembuuf ykn ce’uuf qophiin adda addaa godhamaa akka jiru dhagahama. 
Karaa biraa baayinni Uummata Musiliimaa guyyaadhaan heddummataa kan dhufe yoo ta’u godinaa Jimmaa irraa uummanni guyyaa kaleessaa konkolaataa 5niin fe’amanii dhufanii akka itti dabalaman, har’a immoo godina Harargee, Wallaggaa Arfanuu fi godinoota Arsii lamaanuu irraa fincila ykn diddaa kanatti makamuun mootummaa farra dimokraasii fi nageenyaa ta’e irratti ka’uun nagaa waaraa biyyattii keessatti fiduuf jedhcha warraaqisa itti fufanii jiru.
Hanga ammaatti Finfinnee irraan alatti uummanni nama 5000 ol dhufanii diddaa kanatti akka dabalaman Qeerrooleen dhimma kana hordofan gabaasanii jiru. Karaa biraa Qeerrooleen Godinaalee adda addaa irra jiran dhimma ka’umsa hordoftoota amantaa musiliimaa kanaan wal qabsiisee addatti fincila kaasuu eegaluu fi eegalchiisuutti jiru.
Diddaan Ummataa kun mootummaa Wayyaaneetti xumura akka godhuu fi nagaan waaraa Oromiyaa fi naannoo isheetti akka bu’u qindeessitooti Qeerroo addeessu.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!


Oromoon haala amma biyya Toophiyaa keessa jiru akka carraatti/oportunity/ itti gargaaramee qabsoo bilisummaa gara xumuraatti/injifannootti/ fiduu qaba. Sochiin musilimaa, sochiin qeerroo, dhukkubni Mallas,Fincilli ummattoota Gaambeellaa,Ogaadeen, Sidaamaa, … mootummaa Woyyaanee irratti lola jabaa banuuf raacatii ta’ee gargaaruu dandaa’a. kanaaf qabsaa’onni oromoo tooftaa fi tarsiimoo yaroo gabaabaa fi dheeraa bifa haaraan baasanii duula ol’aanaa Woyyanee irratti banuu qabu.
eeyyee jechi keessan gaariidha jabaadhaa..!!!!!