Adoolessa 15,2012 Gabaasa Qeerroo Shaambuu
Godinaa Wallagga,Horroo Guduruu irraa Poolisonnii Wayyaanee dhalootaan Oromoo kanneen ta’an namni 4 sirna mootummaa Wayyaanee ganuun hidhannoo isaanii guutuu waliin Adoolessa 14,2012 qabsoo ummataa naannicha irraa gaggeefamaa jirtutti tti gabaasi naannicha irraa nu gahe addeessa .
Poolisoonni sirna gabroomfataa ganan kun mana hidhaa gabroomfataa magaalaa Shaambuu kanneen tiksaa turan yeroo ta’u,manneen hidhaa adda addaa keessatti Oromooti maqaa Oromummaan hidhamanii hiraara argaa jiran ilaaluu fi haala gochaa sukkanneessaa akkasii qalbiin keenya arguu waan dadhabeef jecha hidhannoo keenya guutuun qabsoo sabaatti makamnee diddaa gabrummaa gaggeessuuf dirqamne akka jedhan gabaasi nu gahe ifa godha.
Akkuma poolisoonni kun mootummicha jalaa miliqanii badaniin hidhamtoonni nama lama Adoolessa 14,2012 galgala mana hidhaa Shaambuu irraa mana hidhaa cabsanii badanii jiru. Haalli kunis poolisoota kanneen hafan shakkisiisee guyyaa har’aa Adoolessa 15,2012 Feederaala irraa qormaataaf humni biraa ergamee naannicha akka cinqaa jiru beekame.
Qabsoon itti fufa! Gabroomsaan ni kufa!
Poolisonni ejjennoo qixa sirrii ta’e fudhatan warri biroos maal eegaa jirtu?aduun bar’uuf
biyyaa BIISHEE GARBAA ,ARAARSAA ,’DHUGUMAA JALDEESSO ABBAA BIYAA(BAYYANAA )CIRRII
Hlagaan akkamitti keessafololi’uu danda’a?
oromoon tokkummaan diina irratti haa kaanu
G3