Mootummaan Wayyaanee Gaaffii mirgaa hordoftootni amantii musliimaa kaasaniin yaaddoo guddaa keessa bu’e.Gara jabinaan dhaabuuf yaalus milkii dhabuun waraanni Wayyaanee tasgabbii dhabe.‏

Finfinnee keessatti warraaqsa dho’een mootummaan wayyaanee yaaddoo guddaa keessa bu’ee jira.Guyyaa 13,07,2012 galgala keessaa sa’a shan irraa kaasee hordoftootni amantii musliimaa mootummaan dhimma amantii keessa galuu hin qabu jechuun hiriira nagaa kan bahan yoommuu tahu mootummaan wayyaanee waraana federaalaa hedduumminaan yaasuun gara jabeenyaan reebuun ilmaan musliimaa 5 yeroosuma yoommuu ajjeesan hedduun isaanii madaa’anii jiran.Hiriira nagaa masgiidota gurguddoo Finfinnee keessaa kanneen akka Masgiida Anuwaar keessatti jalqabamee fi Awaaliyaatti jalqabameen mootummaan wayyaanee to’achuu dadhabuun waraanatti tarkaanfii gara jabeenyaan akka dhaabu ajaja dabarse.Waraanni mootummaa wayyaanee ajaja abbootii irree fudhate naannoo Fiinans boolla guddaa keessatti namootni hedduun aara ukkaamsaa poolisootni federaalaa gadhiisaniin hedduumminaan keessatti kukkufuun kan caccaban yoommuu tahu poolisootni federaalaas uummata musliimaa gaaffii mirgaa gaafachaa jiru gara jabeenyaan rukkutuun miidhaa guddaa irraan gahanii jiran.

Hordoftootni amantii musliimaa hiriira nagaa bahan mootummaa irraa mirga hiriira nagaa bahuu fi wal gurmeessuu dhimma eeyyama gaafannuuf ghin qabnu,Mootummaan dhimma amantii keessa seenuu hin qabu,Rabbi malee mootummaan aangoo qabate jabaa miti jechuun dhaadannoo dhageessisanii jiran.Poolisootni federaalaa halkan guutuu baay’ee olii fi gadi fiigaa bulan karaa gara Wiingetitti baasutti namni akka hin dabarre guyyaa har’aas dhorkaa oolanii jiran.Uummatni musliimaas namoota gaaffii mirgaa isaanii dura dhaabbatan poolisoota federalaa fi jala deemtota wayyaanee irratti tarkaanfii gara jabeenyaa fudhachuuf dirqamuun poolisootni federaalaa 27 haalaan miidhamuun hospitaala seenanii jiran.Magaala Finfinnee keessatti yoommuu wal gahiin Afrikaa gaggeeffamaa jiru mootummaan Wayyaanee qaaniin qabamne jechuun masgiidota hundaa wayita sagadan(salaatan) waraanaan eegaa jira.Magaalota gurguddoo biyyattii keessattis waraana bittinsuuf karoorsaa kan jiru yoommuu tahu,wal gahii aangaawotni gurguddoon dhimma nageenyaa Adoolessa 14,2012 gaggeessaniin musliimni keessa waan jiruuf osoo hin dubbatiin bahuu isaaniis saaxilamee jira.
Hordoftootni amantii musliimaa gaaffii mirgaa gaafachuu irraa hoomtuu duubatti akka isaan hin deebisne dhaammachuun uummatni marti waamicha keenya dhaga’uun akka gahee isaanii bahan dhaammatanii jiran.

2 thoughts on “Mootummaan Wayyaanee Gaaffii mirgaa hordoftootni amantii musliimaa kaasaniin yaaddoo guddaa keessa bu’e.Gara jabinaan dhaabuuf yaalus milkii dhabuun waraanni Wayyaanee tasgabbii dhabe.‏

Leave a reply to TOKKUMMAA WALLOO Cancel reply