Qeerroon Gondina Booranaa Ejjennoo Fudhatan. Barattooti Lamas Hidhaman.

Adoolessa 14,2012 Yaabelloo
Gabaasaan Qeerroo Godina Boorana Aanaa Yaa’aaballoo ganda Suruphaa jedhamtu keessa akka nu dhaqabetti Adoolessa 11,2012 barattootni Oromoo Yuniversity lee adda addaa irraa boqonnaaf galan Qeerroolee godincha keessa bobba’an waliin walitti dhufuun wal gayii adeemsifatan. Walgahii adeemisfatan keessatti ejjennoolee haala ittiin qabsoo bilisummaa Oromoo cimsanii fi ummata waliin harka wal qabatanii ba’aan gabrummaa nu gahe kan jedhuun akka sosso’an lafa kaayyatanii jiru. Karaa biraa guyyumma kana walgahii isaaniin booda bifa ayyaanaatiin wal qabsiisuun naannoo mana sagadaa naannichaatti wal qabsiisanii barattootni lakkoofsaan 650 ta’an gootota darban faarsaa ooluun milishoota Wayyaanee naannichatti ramadaman rifaasisaanii argaman. Kunis OPDO sirana TPLF tajaajilaa jiran hinaaffisuudhaan walgayiin kun sababa maalif akka godhame qorannaa gochuudhaaf barattoota nama lama, Teessoo Jiraataa fi Higgasuu Mooris kan jedhamani mana hidhaatti akka geeffaman beekame.
Walumaa galatti xiyyeeffannaan walgahii Qeerroo godina Booranaa dhimmoota qabsoo fi haala FDG irratti ibsootaa fi ijjennoo qeerrootti ergatanii akka jiran gabaasi isaanii beeksisa.

3 thoughts on “Qeerroon Gondina Booranaa Ejjennoo Fudhatan. Barattooti Lamas Hidhaman.

  1. Qabsoon Qeerrootiin adeemsifamaa jiru dachee Oromiyaa mara bira darbee sadarkaa addunyaatti guddachuu qaba. Suuta suuta QBO ABO ‘f dhaabbilee ka biroon godhamu ka bakka bu’uu danda’u ta’ee ijaaramaa adeemuu qaba.

  2. Qabsoon bilisummaa Oromoo, Oromiyaa hunda seenaa jira. Rabbis, gara Oromoo goree gargaaraa jira. Diinnis rommaa jirti. Poolisooti fi waraantoti oromoo wayyaanee jala jiranis hundumaa hubataniiru. Kana booda Oromoo waliin qabsa’ani, Oromiyaa bilisoomsuuf kutataniiu. Rabbi isaaniin haa eebbisu.

  3. ABDII BAALE OROMIYAA:
    Qbsoon keenya kan FDG itti fufa yooiyyuu,jara kanaaf hulaa hin saaqnu. Akkuma manguddoonni mammaakan ” Tomtoommoon gadoo hin baaftuu, gadoo idaati male ” jedhan sana gochi isaanii of-duuba nu hin deebisu,itti nu jabeessa malee.

Leave a reply to ABDII BAALEE OROMIYAA Cancel reply