Ajajaan Dhibbaa Yohanis G/Mesqel Dabalatee‏ Waraanni Wayyaanee 9 konkolaataa isaanii Waliin Dhabaman,

Adoolessa 13,2012 Naqamte
Adoolessa 11,2012 galgala, Godina wallaggaa bahaa aanaa Haroo Limmuu bakka Abbaa Mooyaa jedhamutti poolisootni federaalaa sakatta’insa meeshaa waraanaaf bobba’an 9 konkolaataa deemaa jiran waliin dhabaman. Diddaa naannoo kana keessatti adeemsifaa jiruun wal qabatee mootummaan Wayyaanee poolisoota federaalaa hedduumminaan naannoo kanatti kan bobbaase yoommuu tahu,Uummatni karaa konkolaataa irratti boolla qopheessuun poolisootni federaalaa 9 yeroosuma yoommuu du’an konkolaachisaan isaanii harki cite jira.Waraanni Wayyaanee TPLF bobba’e kun ajajaa dhibbaa Yohaannis G/Mesqel dhalata Tigraayiin durfamuun ilmaan Oromoo dararuu irratti kan bobba’e ture yoommuu tahu isa dabalatee poolisootni federaalaa bobba’an dhabanii jiran.
Mootummaan Wayyaanees tarkaanfii kanaan hedduu kan baarage yoommuu tahu waraana hedduumminaan ida’ee uummata doorsisaa fi dararuu jabeessaa jira.

2 thoughts on “Ajajaan Dhibbaa Yohanis G/Mesqel Dabalatee‏ Waraanni Wayyaanee 9 konkolaataa isaanii Waliin Dhabaman,

  1. lammii keenya irratti bilisummaa keenya gonfachuuf motumman halagaa danqaraa karaa adda addaa akka yaalu beekma dha .
    garuu ummatnI haroo limmuu BILISUMMAAF gochaa jiru seena guddaa dha .ummatni oromoo naannoo biroos waliin birmachuun fincila gaggeessuun mootummaa wayanee olii gadi jeeqama jiru hundeen buqisuun yeroon isaa amma.
    karaa biroo miseensotni wayanee/OPDO/sochii bilisumma biráchuun maatii isaanii garaa biyya ambaatti baasuuf maqaa investiment jechuun lafa oromoo irraa buqisuun mattaáa fudhataniin kiisii isaanii guutachuun akka falaatti kan yaadan maatii isaanii biyya alatti baasuuf iciitiin baasachuuf yaalii gochaa akka jiran ummtni keenya akka hubatu yaada lammii koof nan hira
    nagaatti
    G3

  2. Armaan booda Oromoon habashaa wajjin michuu/jaalallee ta’ee jiraachuu hindanda’u. Yoo boora’e malee carii hinta’u. kanaaf carraa argamu hundaan diina konkolaachisuu qabna;iddoo argine maratti.

Leave a reply to G3 Cancel reply