Adoolessa 11,2012 Gabaasa Qeerroo
Godina Wallaggaa bahaa aanaa Giddaa Ayyaanaa fi Heebantuu keessatti tutni waraana mootummaa wayyaanee sakatta’a meeshaaf ilmaan Oromootti bobba’e mislishoota gandaan waliin waliti bu’uu irraan poolisi feederaalaa namni 5 galafatamuu irraan qaana’uu kan ka’e mootummaan Wayyaanee qotee bultoota Oromoo wal gahii akka bahan ajaja baastu uummatni wal gahii lagate.Qotee bulaan Oromoo yeroon isaa yeroo qonnaati,Nuyi hojii keenya malee olola diiinaa hin dandeenyu,Meeshaa waraanaas hin qabnu,Wal gahiin isin waamtanis bu’aa hoomaa hin qabu jechuun wal gahii guutummaan hafaa jiran.Mootummaan Wayyaanees waraana ishii bobbaasuun uummata dirqiin yaasuu yaalus uummatni didee diddaa isaa cimsuu irra jira.Haala kanaan guyyaa har’aa furmaata dhabuu irraa kan ka’es wal gahii hin baatan taanaan lafti keessan isin irraa fudhatama jechuun doorsisuu irratti argamti.
Gabadha!.
“hin turra malee ni urra jette boobbin”