Adoolessa 10,2012
Mootummaan Wayyaanee yuunivarsiitiilee keessatti barattoota Oromoo baratan hidhaa fi ajjeesaa turuun ishee ni yaadatama.Yuunivarsiitii Walaayittaa Sooddoo Keessatti Barataan Oromoo Addisuu Akililuu Socilal Science muummee seenaatti qabxii olaanaa 3.8 kan qabu tika mootummaa Wayyaaneen ajjeefamuu qeerroon gabaasa.Barataan kun yeroo adda addaatti jabinaa fi sabboonummaa qabu irraa kan ka’e ergamtooti Wayyaanee qormaata adda addaa jala isa galchaa kan turan yeroo ta’u Adoolessa 09,2012 humna tika Wayyaaneen ajjeefamee kan darbame yoommuu tahu, barattooti Oromoo kaan ajjeefamuu barataa kanaatti aaruun gaaffii mootummaa saniif kan dhiheessan keessaa akkamitti akka du’e haa qoratamu yoommuu jedhamu yuunivarsiitiin Walaayittaa Sooddoo dhiphachuun barattoota Oromoo tasgabbeessuuf oliif gadi fiigaa jira.Barattootni Oromoo yuunivarsiitii kanaa barataa Oromoo dandeettii isaa fi sabboonummaa isaa irraa jibbiinsa qabaachuun mootummaan Wayyaanee kan ajjeese itti gaafatamummaa haa fudhatu jechaa kan jiran yoommuu tahu haala kana doorsisaan callisiisuuf jecha waraanni Wayyaanee mooraa yuunivarsiitii keessa seenuun barattoota Oromoo jeeqaa jira.Kan barataa kana ajjeesee fi qaami tikaa Wayyaanee gaafatama kana fudhachuu akka qabuu fi ajjeefamuun ilmaan Oromoo ammo Oromoo mara kan kakaasu malee diddaa gabrummaa irraa duubatti kan nu deebisu miti jedhchuun barattooti Oromoo beeksisanii jiru
Kuni gocha ilman nafxanyaa Tigree ti. Tarii ijoollee Walayitaa tokko tokko kakaasuun gochaa kana hojjechiisan ta’a. Ilmaan Tigree ummaata Oromoo ummattoota ka biroo wajjin walitti bubuusuu irratti waan akeekkatte hojjettuuf Oromoon gama tokkoon ummattoota cunqurfamoo wajjin hariroo jabeeffachaa gama biraan ammoo humna diina irratti duula gaggeessaa qabsaa’uu qabu.