Oromiyaa Keessatti Diddaan Babal’ate.Hojjettootni Mootummaa Anaa Ejeree 6 Hojii Lakkisuun Diddaa Muldhisan.

Adoolessa 10,2012 Gabaasa Qeerroo Lixa Shawaa

Mootummmaan Wayyaanee aangootti erga bahee uummatni nagaan hin jiraanne,Hojjettootni mootummaas yeroodhaa gara yerootti maqaa qorannoon
rakkamaa turan har’as itti jiru.Godina Shawaa Lixaa aanaa Ejeree
keessatti hojjettootni dararaa mootummaa Wayyaanee fi ergamtoota Wayyaanee
yeroodhaa yerootti baachuu dadhaban hojii gad lakkisuuf dirqaman.Hojjettoonni kanneen kunis :-
1. Obbo Ajjamaa Maracii Waajjira qonnaatti abbaa adeemsa qabeenya
uumamaa aanaa Ejeree
2. Obbo Ittisaa Nagaasaa Hojjetaa Dirree Misooma aanaa
3. Obbo Malaakuu Girmaa Hojjetaa Dirree Misooma aanaa
4. Obbo Abarraa Guddataa Raawwataa hojii inspection
5. Obbo Boggaalee hojjetaa Misooma qonnaa
6. Obbo Dajanee gargaaraa waldhaansa beeyladaa
Yoommuu tahan Wayyaanee maqaa qorannoon rakkisuu irraan darbanii miindaa irraa waan kutaniif hojii gad lakkisanii hojii dhablummaan jiraachuuf dirqaman.

Aanaa Ejeree keessatti jala deemtotni mootummaa Wayyaanee waliin hidhachuun ilmaan Oromoo irratti darara geessisaa kannee turanii fi amma illee itti jiran
1.Girmaa Caakkaa Jiruu itti gaafatamaa waajjira qonnaa(OPDO)
2.Taammiruu Garramuu Zoodee jala deemaa Wayyaanee dhalootaan Guraagee
Kan tahan yoommuu tahu,hojii isaanii Oromoota dararuu fi garbummaa irratti garbummaa dabaluu waan ta’eef jarreen kanaaf ummanni nannoo gochaa isaanii kana irraa akka dhaabbatan akeekachiisa kenneefii jira.

Haaluma wal fakkaatuun aanaa Ada’aa Bargaa ganda Holonkoomii keessatti

darara jabaa irra geessisuun hojjetaa Fayyisaa Badhaadhaa hojjetaa
waldhaansa beeyladaa kan tahe ati Miseensa ABOti jechuun hojii irraa arii’anii jiran.Hojiin Misoomaa mootummaan Wayyaanee Uummata dhimma siyaasaa akka hin yaadneef bo’oo hojjechiisaa tures Godina Shawaa Lixaa aanaa Gindabarat keessatti diddaa biqilchuun uummatni hojiin mootummaa Wayyaaneen hojjetamu firii hin qabu jedhe.Qonnaan bulaan aanaa kanaas daballii gatii xaa’oo irratti diddaa qabsiisaa jira.Mootummaan Wayyaanees diddaa uummata keessatti jabaateen kan baarage tikaa fi dabballoota isaa hanga gandaatti gad raabsuuf dirqamee jira.

 

1 thought on “Oromiyaa Keessatti Diddaan Babal’ate.Hojjettootni Mootummaa Anaa Ejeree 6 Hojii Lakkisuun Diddaa Muldhisan.

  1. YEROO AMMAA KANA MOOTUMMAAN WAYANEE BURKUTA’EE KUFAA JIRAACHUU MALLATOOLEE ADDA ADDAA MULA’ACHAA JIRU .
    KANAAFIS UMMATNI KEENYA TOKKUMMAAN QABSOO BILISUMMAA ADDA BILISUMMAA OROMOO
    WALIIN CIMSUU TA’EE KAN MISEENSA WAYANEE JALA GALANII UMMATA HIRAARSAA JIRAN OPDO UTUU ADUUN HIN IYYIIN AMMA EJJENNO FUDHACHUUN QABSOO UMMATAATTI DABALAMUUN YEROON ISAA AMMA DHA
    IUO
    GALAAN GALASAA GOOLEE

Leave a reply to G3 Cancel reply