Qophiin Tumsa Qeerroo milkaa’e; deeggarsi maallaqaas arjoomame

(Qeerroo, Finfinnee, 5/07/2012) Qophiin Tumsa Qeerroo magaalaa Melbourne keessatti gaggeeffame milkiidhaan xumurame; sabboontonni Oromoos Qeerroo akka tumsan waadaa seenan.

Gabaasaan Qeerroo Melbourne irraa akka odeeffannoo nuuf dabarsetti, sagantaan Tumsa Qeerroo waamicha Qeerroo Bilisummaa irraa dhiyaate irratti hundaa’uun qophaa’e kun diddaa fi falmaan bilisummaa Oromoo kan dhugaa irratti hundaa’ee fi karaa hundaan walqabachaa jiru ta’uu kan agarsiisee dha.

Sagantaa Tumsa Qeerroo yeroo duraaf biyya alaatti ijaarame kana irrattis hawaasti hedduu kan argame yoo ta’u, sagantichis sochiin diddaa fi warraaqsaa  jabaatee akka jiru kan mul’ise ta’uu gabaasaan keenya hubachiisee jira.

Qophii Tumsa Qeerroo kana irrattis sabboontoti Oromoo magaalaa Melobourne fi naannoo ishii jiraatan kan hirmaatan yoo ta’u,sagantaa kana irratti dokumentariin sochii Qeerroo agarsiisu kan dhiyaate yoo ta’u, adeemsa diddaa fi falmaa karaa nagaa Qeerroon adeemsisaa jiru keessatti bu’aalee argaman ilaalchisees ibsi bal’aa kennamee jira.

Keessaayyuu, Qeerroon biyya keessaa miidhaa fi hiraarsaa saba isaanii irrea gahaa jiru hubatanii diddaa isaanii karaa nagaa itti fufuu isaaniitiin dammaqiinsi guddaa akka argame kan ibse barruun dhiyaate kun gama diinaatiinis darggoota Oromoo jilbeeffachiisuuf hidhaa fi hiraarsaa hamaa irraan gahaa akka jiu addeessee jira.

Haata’uutii, Qeerroon duula wayyaaneetiin otuu hin rifanne humnaa fi dandeettii isaanii walitti qindeeffachuun hojii dammaqiinsaa fi warraaqsaa gaggeessaa akka jiran illee ibsa kenname irraa hubachuun danda’amee jira.

Yeroo ilmaan Oromoo diina jalatti gurmaa’anii jiran kanatti dirmannaa gochuu dhiisuun akka diina deeggaruutti ilaalama kan jedhan tumsi Qeerroo, gaaffii fi waamicha Qeerroo biyya keessaa isaaniif dhiyaate irratti hundaa’uun biyya alaatti of ijaaranii akka jiranii fi yeroo kamitti iyyuu dirqama isaanitti kennamu gumaachuuf illee qophii ta’uu isaanii wayituma kana marii godhan irratti beeksisanii jiru.

Gama biraatiin, hojii Qeerroo karaa malchiisu gargaaruuf kan oolu gargaarsi maallaqaa battalumatti kan kenname yoo ta’u, T-shertiin “Tumsa Qeerroo” gurgurtaaf dhiyaatees saganticha irratti gurguramaa akka ture hubatramee jira.

Dhalooti haaraas T-shert kan bitachuun uffatanii Tumsa Qeerroo cina akka hiriiran, dagaaginaa fi guddina aadaa fi seenaa saba Oromoof jabaatanii akka hojjatan  ejjannoo isaanii mul’isanii jiru.

 Bakka bu’ooti waldaa hawaasa Oromoos wayituma kana dhaamsa dabarsan keessatti yeroo ammaa dhimma saba Oromoo caalatti guddisuuf dantaa fi faayidaa saba Oromoo tiksuu fi eeguun barbaachisaaakka ta’e hubachiisanii jiru.

“Oromoon kamuu bakka jirutti dantaa saba Oromoo waloo ta’an eeguu fi kunuunsuu keessatti qooda guddaa qaba,” kan jedhan waldaaleen hawaasa Oromoo, keessattuu, hawaasti Oromoo biyya alaa keessatti argaman ambaasaaddara Oromoo fi Oromiyaa waan ta’aniif gahee isaanii jabinaa fi gahummaan akka bahatan dhaamanii jiru.

Keessayyuu, duula  Wayyaanee ergamtootaa fiu jala deemtota ishii yeroo addaddaa keessatti biyya alaatti bobbaasuun hawaasa Oromoo fi lammiilee biyyattii gowwoomsuu fi afaanfajjessuuf yaaltu dura dhaabbachuu k eessatti hirmaannnaa isaanii dachaa dachaan akka guddisan bakka bu’ooti hawaasa kunneen dhaamanii jiru.

Maanguddooti sagantaa kana irratti argamanis,  dhalooti haaraan diddaa fi falmaa abbootii isaanii dhaalanii qabsoo bifa haaraan finiinsaa jiraachuu isaaniitti akka gammadan ibsanii karaa danda’aniin Qeerroo akka gargaaran waadaa seenanii jiru.

2 thoughts on “Qophiin Tumsa Qeerroo milkaa’e; deeggarsi maallaqaas arjoomame

  1. Nageenyi haa Dursu >>>yaan koo kan hadhaa Raadiyoo Smbirtuu Raadiyoon keessan hedduu namatti Tolaa garuu yeroo gaafiif deebii namaaf gootan eenyu irraa akka yaada dhugaa ta’e (yaada kallatii)namin nama dhugoofatu isiniif kenu hubadhaa fakkeenyaaf waa’ee Ayyaana Baqatoota Addunyaa kan keenyaa keessatti kabajjame irraa yaani Quubsaan hin kennamine nutti Qeerroon Murannoo qabna Gantuufi Garee ykn Gandaan yoomlee addaan Qoqoodamu ni dhabamsiifna.

    ni Bilisoomna

Leave a reply to jajjaboo sabaa Cancel reply