Polisooti Wayyaanee 3 Irree Ummataan Adabaman

Waxabajjii 25,2012 Gabaasa Qeerroo

Tarkaanfiin uummataa lukkeelee diinaa irraattii jaabaatee itti fufee Waxabajjii 24,2012 Godina Wallaggaa, Onaa Haroo Limmuutti luukkeelee miseesotaa OPDO kan yeroo hedduu ummataa basaasuun beekaaman

1, Adulaa Gannatii,

2. Biraanuu Gamaadaa fi

3. Geetachoo Duubnee

jedhamaan diddaa ummataa ukkaamsuuf bobba’anii uumataan reeban, basastonnii kun gochaa diinummaa irraa dhaabbachuu diduu irraan Wayyaaneef amanamoo ta’uun yeroo irraa yerootti ummata dararaa waan turaniif ummanni Oromoo nu gahe roorroon jedhee jiru dachii isaa irratti falmachuuf jecha wal gurmeessee sagaleen yaada isaa dhageessisaa jiru dura dhaabbachuuf yeroo bobba’anitti ture kan reebaman.Haala kanaan Poolisoonni kaan naannoo san gadhiisuun baqatanii of duuba deebi’uun ummanni dhadannoo fi wallee warraaqsaa dhageessinaa akka oole naannicha irraa gabaafamee jira.

 

1 thought on “Polisooti Wayyaanee 3 Irree Ummataan Adabaman

  1. jabaa dhaa oromiyaan ni bilisoomti
    guyyaa guyyaatti dhaaba bixiluu fi wayaneetti araaramuu utuu hin ta’iin qabsootu nu fura dachee oromiyaatti tokkummaan yoo kaane diina dugugne baasuun yeroon isaa dhiyaatee jira
    QE’EE DHUGUMAA JALDEESSOO tti abbaan fedhe keessa FOLOLI’UU hin danda’u
    G3
    nagaatti

Leave a comment