Waxabajjii 24,2012
Biyya Itoophiyaa jedhamu keessatti Mootummaan Wayyaanee tokkummaa uummattoota biyyattii diiguuf tooftaa garaa garaa bixxilaa turuunii fi lubbuun uummata hedduu,qabeenyi hedduun baduun isaa ni yaadatama.Yeroo ammaa kanaas Mootummaan wayyaanee walitti bu’insa Uummattoota Kibbaa keessatti uumeen Uummatni Sidaamaa fi Walaayittaa walitti bu’uun uummatni walaayittaa irratti miidhaan garaa garaa gahuu irratti argama.Mootummaan wayyaanee magaala Hawaasaa keessa Federaalota dhibbaan lakkaa’aman maqaaf kan naqe yoommuu tahu,Yeroo mootummaa irratti uummatni ka’u malee yeroo uummatni lameen wal lolan hin tuqiin jedhamanii dirqama fudhatanii akka deeman iccitiin Federaalota naannoo sanatti bobba’e keessaa bahe saaxilee jira.