Mootummaan Wayyaanee shira amantiilee gidduutti kalaqeen walitti bu’insi uumame hammaataa ta’aa jira

Waxabajjii 24,2012

Biyya Itoophiyaa jedhamtee waamamtu keessatti uummatni biyyattii keessaa gaafa nagaan oolee bule takkaa hin argine.Uummatni aadaa fi safuu fi amantiin wal danda’ee waliin jiraatu erga Mootummaan garboomsaa Wayyaanee gara Aangootti ba’ee wal waraanuu fi wal jibbinsaan akka jiraatu tooftaa aangoof gidduu isaaniitti waan uumameef uummatni amantiin wal danda’e baroota dhufaa darbaa dheeraaf jiraachaa ture yeroo ammaa kana gochaa fi shira Wayyaaneen ummatoota jidduutti uumaa jiruun  yeroodhaa yeroottii walitti bu’aa jira.Hordoftootni amantii Musliimaa fi Kiristaanaa Mootummaan Wayyaanee wal dhabde gidduu isaaniitti kalaqe irraan ka’uun Godina Iluu abbaa Booraa aanaa Mattuu,Dhidheessaa fi Kamisee walitti bu’uun hordoftootni amantii lamaanii wal miidhuun gara Hospitaalaa akka seenan ta’ee jira.Mootummaan Wayyaanee walitti bu’insa kanaaf kan gammade yoommuu tahu,walitti bu’insa kana tasgabbeessuuf hojiin hojjetu hin jiru.Humna uummataa diddiigaa dhimma aangoo kan itti gaggeessaa jiru mootummaan Wayyaanee ilmaan Oromoo naannoo kanaa doorsisaa fi hidhuu irratti argama.Ilmaan Oromoo lama Magaala Mattuu keessatti dhoksee gara mana hidhaatti fudhachuus kanneen ijaan argan ragaa bahu.

2 thoughts on “Mootummaan Wayyaanee shira amantiilee gidduutti kalaqeen walitti bu’insi uumame hammaataa ta’aa jira

  1. Ilmaan oromoo amantiitinis ta’e godinaan walqoqqooduu irraa deebi’uu qabu. Shira woyyaaneen dalagdu yaroo hunda dammaqinsaan eeguu barbaachisa. Ummattoota oromoo hintaane wajjinis wal-loluu irraa deebi’uun waliin Woyyaanee irratti duuluu qaba. Keessumaayyuu ummattoota cunqurfamoo ollaa oromoo jiran kan akka ummata Beeneshaangulfaa dadammaqsuun woyyaanee irratti kakaasuu barbaachisa. Investeroonni Woyyanee lafa oromoo qofa utuu hintaane kan Beeneshaangulis waan fudhataniif kun akka ifa ta’uufiif ciminaan hojjechuu qabna.

  2. As Dire Dawaatti guyyaa gaafa jimaata darbee kana[wax.22/2012] ummanni hiriira nagaa naannoo masjiida BILAAL (laga harree) bahee sababa amanti musliimaa isa awliyaa jedhamu mootummaan aangoo muudeen ummanni “Awliyaan Nubulchu”jechaa osoo deemu qabamee ari’amaa tumame.

Leave a reply to Musa kedir Cancel reply