Waxabajjii 22,2012 Gabaasa Qeerroo Hawaasaa
Mooraa Yuunivarsiitii Hawaasaa Keessatti Filannoo barattootaa deemsifamaa jiru irratti Miseensotni OPDO fi jala deemtotni mootummaa wayyaanee nuyitu filatama jechuun olii fi gadi fiiganis Qeerroon diddaa burqisiisuun mooraa yuunivarsiitii Hawaasaa Yaaddoon liqimsiise.Mooraan yuunivarsiitii Hawaasaa yeroo dheeraaf waraana mootummaa wayyaaneen tikfamaa kan ture yoommuu tahu,yeroo ammaa kana haalaan daran jabaachuun Tiknii fi waraanni mooraa yuunivarsiitichaa seenuun hojii basaasummaa jalqabuun isaanii saaxilamee jira.Wal dhabbiin tika mootummaa wayyaanee yuunivarsiitii kana keessatti bobba’an gidduutti dhalachuus odeeffatni isaan keessaa ni saaxila.
Kana malees karaa biraa hojjettootni Magaala Finfinnee bulchinsa aanaa 7 keessatti hojjetan Miseensummaa wayyaanee dirqiin akka guutan dirqamsiifaman.Hojjettootni bulchinsa kana keessatti hojjetan Mormii guddaa kan dhageessisan yoommuu tahu mootummaan wayyaanee Miseensummaa hin guuttan taanaan hojii irraa arii’amtu jechuun akeekkachiisee jira.Bulchinsa aanaa kanaa keessatti ji’oottan shaman darbanitti mootummaan wayyaanee Poolisoota Gibira irraa funaanuuf leenjisaa kan turee fi diddaan kan isa simate tahuun isaas ni yaadatama.
Yadaa bay’een qaba