Diddaan Qeerroo fi ummataa poolisootattis ce’e; lubbuun poolisoota Wayyaanee sadiis galaafatame.

(Qeerroo, Naqamtee, Waxabajjii 20/2012) Godinaa Wallaaggaa Bahaa Onaa Giddaa Ayyaanaa, Guttinitti Buufataa poolisii 2ffaatti walitti bu’insii guddaan poolisotaa Wayyaanee Gidduutti uumamee dhukaasaa wal irraattii reebuun poolisonnii wayyaannee namonni sadii batalumatti du’uun namonni lama akka malee maada’aniru.

Gabaasaan Qeerroo bakka san irraa akka odeessa nuuf dabarsetti, ka’umsi  waliitti bu’insaa kanaa poolisotaa ilmaan Oromoo duraa aangoo irraa jiran shakkuun ilmaan Amaaraa fi Tigiree gara aangootti baasuuf ,wayitaa wayyaaneen shiraa xaxaa jirtutti kan dhalatee dha.

Akka kanaan,poolisonnii  Ilmaan Oromoo aangoo irra turan  aangoo keenyaadabarsinee Habashaattii hin kenninuu jechuun Habaashootaa aangoo fudhaachuuf qophaa’an irratti dhukaasaa banuun namoonni sadii batalumaatti si’a ajjeefaman namoonni lamaa madaa’anii mana yaalaa galuun gabaafamee jira

Poolisonnii Habaashaa aangoof utuu fiigaanii ajjeefamaan 1, Poolisii Tasalem Eliyaas, lammii Amaaraa, 2. Poliisii Wandimaagenyii Taageenyi lammii Amaaraa, 3, Poolisii Araayaa W/Miikaa’el   Lammii Tigree kanneen du’aan yoo ta’aan, Poolisonnii lamaa kan madaa’an yeroof maqaan kan nu hin geenyee ta’uun ni hubaachiisna,

Waliitti bu’iinsaa uumamee kanaanis Magaalaan Guttiin akkaa malee jeeqamaa Oluun gabaafamee jira.

Kan kanaan otuu jiruu, Walgahiin baratootaa miseensotaa OPDO ta’anii Onaa Dongoroo M/B Dongoroo sadarkaa 2ffaa fincilaa diddaa garbummaattii jijjiiramee waxabajjii 20/2012 baratoonnii OPDO hin barbaannuu jechuun walga’ii dhiitanii ka’uunii jiru.
Akka kanaan barattooti kunneen mootummaa abbaa irree balaleeffaachuun gabaafamee jira.
Akkasumas “dhaabni OPDO kun beekamtii hin qabdu, ummaataa Oromoos bulchuu hin dandeessuu,” jechuun baratoonnii dhaadannoo Oromiyaan ni Bilisomti, jedhuu dhageessisaa akka oolan oduun kun dabalee hubachiisee jira.

2 thoughts on “Diddaan Qeerroo fi ummataa poolisootattis ce’e; lubbuun poolisoota Wayyaanee sadiis galaafatame.

  1. Oromiyaa keessatti ilaamaan Amaaraa fi Tigree hoggansatti ba’uu hinqabdu. Hoggansa yoo argatan 1ffaa. qabeenya oromoo saamanii saamsisu 2ffaa. Ilmaan oromoo ajjeesu

  2. Duran durse nagenyi ko isin Ha dhaqabu ilman oromo iddo adda addaa jirtan hundaaf! Hundumtu kessanu galatoma akkanuman bakka jirtani itti fufaa barri kan bilisuma isinif ha tahu jecha anis sabonan oromo Meeyraa ykn Anewar mahamad dhalata godina H/lixaa A/daroo labuu magaalaa MACHAARAA irrahi yani kesan baye na gamachise galatoma bilisuman nu bira gahuufis Dhamsa nuf dhamte amna egalte jirtii hamma nu bira gesuti jabaadha jajjabaadha dhamsi ko khanuma!

Leave a comment