Waxabajjii 21,2012 Gabaasa Qeerroo Adaamaa
Yuunivarsiitii Adaamaa keessatti diddaa Qeerroon mootummaa wayyaanee yaaddessaa dhufe irraa ka’uun mootummaan Wayyaanee yeroodhaa yerootti Miseensota isaa Filannoo gamtaa barattootaa keessa gochuuf yaalaa turus diddaa qeerroon fashalaa turuunii fi walii galtee diigamaa turuun ni yaadata.Mootummaan wayyaanee Hojiin hojjechaa jiru bitaa kan itti gale Gaafa Guyyaa 19/06/2012 Yuunivarsiitii Adaamaa keessatti miseensota OPDO tahanii fi kanneen hedduu amanaman Wal gahii Kaaffee lakk 2 keessatti gochaa kan turan yoommuu tahu,Amanamtootni Miseensota OPDO Dura taa’aa OPDO Mooraa kanaa Barataa Dajanee Alamuu fi tika mootummaan durfamu Karoora gannaa fi Haala ittiin hidda qeerroo balleessan irratti marii kaasanis Qeerroon Nuyi keessa jira jechuun Walii galtee malee diigamanii jiran.Barataa Dajanee Alamuu Gocha bilisummaa ilmaan oromootti gufuu tahu kana irraa hin dhaabbattu taanaan tarkaanfiin hojii ke madaalu akka si eeggatu beekuu qabda jechuun qeerroon yuunivarsiitii Adaamaa dhaamanii jiran