Waxabajjii 15,2012 Gabaasa Qeerroo Habee Dongoroo
Waxabajjii 14/2012 guyyaa har’aa Onaa Haabee Dongoroottii FDG’n Ummataan jabatee itti fufuun barattooti magaalaa keessatti diddaa kaasuu irraan kan ke’e diddaa qabate dhaamsuuf dabballoonni Wayyaanee bobba’an irraa Qeerroo magaalichaan reebaman
Haala kanaan dabbaleen OPDO itti gaafatamaan ijaarsaa dhaabaa OPDO Onaa Haabee Dongoroo kan ta’ee nama maqaan isaa
1. Amanuu Toluu
2. Getaachoo Dinquu
3. Daani’el samuu’eel j
jedhaman dargaggootaan reebaman. Haala kanaan poolisoonni aanichaa naannoo san irraa dheessuun barattoota tuquu sodaachoon of qosachuun beekame.Haala kanaa dargaggoonni amma galgalaatti magaalcha keessa sirboota ABO faarsuu fi WBO faarsu ka’I Qeerroo dhadannoo dhageessisaa turanii jiru.
Waraanni Wayyaanees halkan san naannoo Ukkee Qarsaa jedhamu irraa magaalicha guutee akka jiru gabaasi achi irraa nu gahe addeessa.
Kana malees sochiilee Godina Shawaa Dhiyaa,Aanaa Dandii ganda Ginci keessaa ta’aa jiruun wal qabatee namoota sadii shakkiidhaan deggertoota ABO jedhee qabee mana hidhaa buusee jira. Namoonni kun :
1. Barsiisaa Abuunaa-magaalaa Gincii irraa
2. Barsiisaa Bilisummaa-magalaa Gincii irraa
3. Aadde Maartaa ;
ABEEN DONGOROO akkuma beekamuu buna LAAGEE jedhamuu buna sanyii gaarii taéen beekamtii
sochiin qeerroo gochaa jiru iddoo guddaa kan kennamuufi dha.
abe dongoroo ega saboontota akka MULUGETA MOOSISAA Kan biroo yeroo biqilchite warra kachachalloo garaa isanif warra bulan kan DACHAASAA GALATAA
JABAREE TAADDASAA/BULCHAA KAN TUREE FI LAMMII HALAGAA NI JIRU
waan hundaaf qabsoo FDG qeerroo dura dhaabachuu jechuun abjuu hin taane abajachhu dha
kana irra ammaan abshaalomuun isaan cinaa dhaabachuun qabsoo bilisummaa oromoo safisiisuuun furmaata ariifachiisaan itti yaadamu dha.
IUO