Humni Hin Beekamne Qondaala Wayyaane Daani’eel G/Madiin Jedhamuu fi Waraana Fediraalaa 8 Irratti Tarkaanfii fudhate.Konkolaataa tokkos Hojii Alaa Taasisan

Waxabajjii 12,2012 Naqamte

Waxabajjiii 11,2012 Godina Wallaggaa bahaa Onaa Haaroo limmuutti,tarkaanfiin halleellaa diinaa irraattii jabaatee itti fufuun, Lukkee diinaa nama maqaan Daani’eel G/ Madiin jedhamu irraatti tarkaanfiin maayyii fudhatamee, konkolaataa inni ittin deemaa jiruus hojiin ala taasifame, bakki tarkaanfii kun irraatti fudhatame onaa kana keessaa bakkaa ammaan dura uummannii lafaa isaa irraa buqqifamaa ture bakkaa Abboo Mo’aa fi daangaa waarraa Guumuuz bakkaa Baariboo jedhamuu gidduutti ta’uun gabaafame, haala kanattii rifachuun sakkata’insaaf mootummaan garbofataa waaranaa isaa humnaa ol gara bakka kaanneenitti bobbaasee, waraanaa bobbaa’ee kanaa fi Ummatoota Gumuuzii fi waraana Wayyaanee gidduutti waliitti dhukaasni baname, waraanaa kanaanis poliisonii federalaa Waayyaanee namoonnii 8 battalati  du’an. Haala kanaan yeroo ammaa kanaa Namaa Daani’eel G/Madiin irraatti tarkanfii fudhaatee baasaa jechuun ummaannii Onaa Haaroo Limmuu bakkaa abbaa Mo’aa jiraatuu sakkata’amaa jiraachuun gabaafame.

3 thoughts on “Humni Hin Beekamne Qondaala Wayyaane Daani’eel G/Madiin Jedhamuu fi Waraana Fediraalaa 8 Irratti Tarkaanfii fudhate.Konkolaataa tokkos Hojii Alaa Taasisan

  1. Hojii boonsaa hojjetaa jiru ummanni wallagga Bahaa. Oromoon martinuu hojii akkanaa kana bakka jirutti ittifufuu qaba.

  2. mootummaan halagaa yeroo baayyee irree ummata oromoo tuffachuun gabrummaan jilbeefachiisuu yaalu garuu dhumni isaa injifannoon kan oromoo akka ta’e waan beeknuuf hojii boonsaa raawwatame halagaa irratti naannoo biroos halka wal qabachuun walii birmachuun mootummaa wayanee of irraa buqisuun mootummaa oromoo isa dhugaa fidachuuf jabannee qabsa’uu nurra jira
    akkas malee jenna ummata ona HAROO LIMMUU-BIYYA DHUGUMAA JALDEESSOO
    nagatti
    G3

Leave a comment