Qeerroon Naannoo Ayira Gullisoo Wayyaanota Karaa Darbaa Dhorkan

Waxabajjii 07,2012 Ayira Gulliso

Mootummaan Wayyaanee Godina Wallaggaa Lixaa aanaa Ayiraa ganda Hoomii Fichii fi Warra Kuraa Fichii keessaa dargaggoota hiraaruu irratti argama.Guyyaa Gimbot 20 irratti sirba ABO faarsu sirbitaniittu jechuun dargaggoota Oromoo naannoo kanaa guutummaan magaalaa fi baadiyaa keessa deemuun reebaa fi hidhaatti guuraa jiru.

Haalli kun daran hahammaachuu irraan Waxabajjii 05 fi 06,2012 dargaggootni dhiibbaa mootummaa Wayyaaneen irraan geessu mormanii  kallattiin bakkoota adda addaatti karaa konkolaataan mootummaa deemtu mara irra muka jigsuu fi dhagaa tuuuun dabarsuu didanii diddaa qaban muldhisaa jiru.

Qabsoon Itti Fufa! Gabrummaan ni kufa!

1 thought on “Qeerroon Naannoo Ayira Gullisoo Wayyaanota Karaa Darbaa Dhorkan

  1. FDG kun maaliif kutaa arsii keessatti hingaggeeffamu? arsiin goota baatii 6 keessatti oromiyaa bilisoomsu meeti eessajira? ykn qeerroon kutaa arsii keessaa essajira? moo mootummaa woyyaaneen bitamuu filatanii calisanii?

Leave a reply to micciirama Cancel reply