Filannoo Gamtaa Barattootaa Irratti Shira OPDOn barattoota Oromoo irratti raawwattu.

Waxabajjii 07,2012 Adaamaa
Akkuma yeroo darbe gabaafame Adaamaa yuuniversity keessatti filannoo gamtaa barattootaa ilaalchisee guyyaa Waxabajii 05,2012 kaadhimamtootni filannoof darban jecha waadaa isaanii barattootaaf dhiyeessaniiru. Kaadhimamtoota lafa kaayaman keessatti dargaggoonni Oromoo ilmaan Oromoo jajjaboo ta’an kaadhimuu irratti diddaa karaa Wayyaanee irra gaheen barattoota sababaa kanaaf hiraarsuun ni ture. Haala kanaan amma 4 darban jedhanii dhiheessan kanneen:
1)-Kuubaa Daffaaruu Nadhii (OROMOO-Mekaanikaala waggaa 4ffaa)
2)-Geetaachoo Xilaahuun Baazzezew (AMAARAA-Siviilii waggaa 4ffaa)
3)-Msgna Sammaree G/Aregaay (TIGIREE-Sivilii waggaa 4ffaa)
4)-Fitsum Damissee Makuriyaa (UUMMATOOTA KIBBAA-ITIM waggaa 2ffaa)
yommuu ta’an kaadhimamtootni hunduu waanta filatamuuf nu gargaara jedhan dhiyeessanii jiru.Barattootni Oromoo garuu sababa xaxaa fi shira OPDOtiin kan dhiyaate barataa Kuubaa, filachuudhaan OPDO hin deggerru jechuudhaan deggersa isaanii saboota cunqurfamoof kennuu dirqaman.
Haala kanattis kan gaddan barattooti Oromoo mooraa University Adaamaa keessa naannawuun wallee waraaqsaa fi dhadhannoo dhageessisaa akka turan gabaafama.
Filannoon kun gaafa sanbata xiqqaa dhufu guututti kan geggeeffamu yoo ta’u,gabaasa filannoo kana ilaalu bal’inaan ni gabaafama.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

3 thoughts on “Filannoo Gamtaa Barattootaa Irratti Shira OPDOn barattoota Oromoo irratti raawwattu.

  1. Yuunivarsiitii Adaamaa qofa osoo hin taane yuunivasiitii hundumaa keessatti pireezidaantii gamtaa barattootaa ta’anii filatamuun barattootaan osoo hin dhaabaan.Haalli kun barattoota Oromoo hunda yaachisee jira.Namni dhaabarraa bakka bu’u kun fedhii dhaabaatiif hojjata malee fedhii keenyaaf hin hojjatu.Nuti kana yeroo morminee sagalee dhoorkannu akka waan sagalee kennameef godhanii nurratti filu.Halli kun barattootni oromoo yeroo mirga isaanii gaafatan barumsa irraa akka ari’aman daran hammaata dhufee jira.Sababiinisaa namni dhaaba bakka bu’e dhimma dhaabaatiif hojjata malee dhimmaa fi fedhii barataatiif hin hojjatu.Keessattuu Yuunivarsiitii oromiyaa keessa jiran hundarratti Gamtaa barattootaa kan bulchaa jiru barataa osoo hin taane dhaaba jalee diina jala kaattuun(OPDO) Fi harcaatota dhaaba woyyaanee kan hafaniin.

  2. Hojiin OPDO’n ilmaan Oromoo irratti raawwataa jiru hojii shira ajjeechaa,hidhaa fi barnootarraa hari’uu dha. Kanumaan walqabtee barattoota cimanaa fi ga’umsa qaban; kan barattootni martuu itti amananii fi jaallatan filannoo keessaa haquudhaan barattoota eenyummaa isaanii gurgaranii ormaaf ergamuu baran qofa gamtaa barattootaatiif dabarsu. Kanneen biroo,kanneen Oromummaa isaaniitiif bakka guddaa kennan gamtaa barattootaa irrattii piresidaantii gochuu haa turuu mirga namummaa isaaniillee dhorkuudhaan bakka hundatti tika baay’isu. Kun amaluma OPDO ti.

    I.U.O’f!

  3. dhugaan jiruus hunduma birattii kan mul’achaa jiru yoo ta’u ,ilmaan oromoo garuu ammas abdii kutachuu hin qaban ,itti fufuun gocha diinaa balaaleffachuu qabu

Leave a reply to barattoota oromoo oromiyaa Cancel reply