Waxabajjii 04,2012
Qotee bulaan Oromoo Godina Shawaa lixaa aanaa Gindabarat gibirri nurraa funaanamu yeroo hundaa meeshaa waraanaa Wayyaanee bituuf hin oolu jechuun gibira dhorkatan.Diddaa deemsifamaa jiruun wal qabatee qotee bultootni naannoo kanaa gibira yoommuu dhorkatan barsiisotni mana barumsaa Gindabarat miindaa keenya irraa maqaa Misoomaan kan citu kanaan booda hin eyyamamu jechuun dhorkatanii jiran.Mootummaan Wayyaanee yeroodhaa yerootti maqaa baazarii fi misoomaan uummata Oromoo irraa maallaqa funaanuun meeshaa waraanaa bitaa kan ture yoommuu tahu, yeroo ammaa garuu uummata oromoo biratti fudhatama dhabee jira.
Tarkaanfiin akkasii kun bakka tokko ykn lamatti fudhatamuun qofti bu’aa hinbuusu;ta’uu ka qabu Oromiyaa guutuu irratti dha. Tooftaan ittiin mootummaa jallataa ittikuffisan keessaa inni tokko diinagdeedhaan akka dadhabaa adeemu gochuu dha. Diinagdee mootummaa Woyyanee dadhabsiisuuf 1. Gibira haa dhorkannu 2. Omisha isaanii haa mancaasnu 3. Kaampaanota woyyanee[fkn. Ethiopian Airlines] itti tajaajilamuu haadhiisnu.