UUU… Nuu Birmadha Jedhu Hadhotii fi Daa’imman Oromoo

Caamsaa 26,2012 Ebantuu
Ummaannii Oromoo seeraan alaa Qee’ee isaa irraa buqqifamaa jira, Qabeenyaan Ummaataa Oromoo lafti gabataa fi albuudaa of keessaa qabuu fi Omiishaa garaagaraaf mijaa’aa ta’ee dabarfamee inveesiteroota alagaaf kennamuuf jedhcha ummanni Oromoo Godinaa Wallaaggaa Bahaa Onotaa Armaan gadii irraa Caamsaa 23,2012 qe’ee isaa irraa humnaan akka gadhiisee deemu ajaji battalaa itti kennamee yeroo itti meshaa isaa fi da’immaan isaa walitti qabatu dhabuun humna waraana Wayyaaneen reebamaa qe’ee fi maasii isaa akka gadhiisu taasifame qabeenyaa fi lafti irraa fudhatames Caamsaa 24,2012 investeroota heddumminaan naannicha dhufaniif hiramaa olee akka jiru beekama. Naannooleen ummanni irraa buqifaman keessaa.
FKN 1.Onaa Haroo Limmuu gandotaa torba[7]
2.Onaa Limmuu Galiilaa gandootaa jahaa[6]
3.Onaa Heebantuu gandotaa saddet[8]
4.Onaa Giddaa gandootaa shaan[5]
5.Onaa Kiiraamuu gandotaa kudha-tokko[11]
6.Onaa Giddaa Saasiggaa gandootaa sagal[9]
irraa buqqisuun inveesiteroota barbaadaniif akkaa barbaadanitti kenna jiru,lukkeen Wayyaanee OPDO’n illee yeroo daangaan Oromiyaa sarbamee gartokkeen isaa Guumuziif kaan ammo investerootaaf kennaamuu homaa gochuu hin dandeenye.Haallii kun uummaataa akka malee arsee waan jiruuf uummannii FDG keessa ture gara qabsoo hidhannootti deebisachuu fi magaala irraa hamma baadiyyaatti lukkeelee fi diina irratti tarkaanfii fudhachuuf kutannoon ka’ee jira.

1 thought on “UUU… Nuu Birmadha Jedhu Hadhotii fi Daa’imman Oromoo

  1. UMMATNI KEENYA GOCHAA MOOTUMMAAN HALAGAANU IRRAATTI DUULE KANA UMMATNI OROMOO WALII BIRMACHUUN HUNDEEN BUQISUUN IRQAMA HUNDA KEENYAATTI
    NAGAATTI
    G3

Leave a comment