Caamsaa 25,2012 Giddaa Ayyaanaa
Caamsaa 23,2012 waraannii Wayyaanee humni guddaan waliitti bu’insaa saboota olla Oromiyaa jiraatanii fi saba Oromoo gidduutti uumamee jiruu sababeeffachuun mooraa waraanaa Buree irraa garaa Wallaaggaa Bahaa Onotaa akka Giddaa Ayyaanaa,Kiiramuu, Haaroo Limmuu, Limmuu Galiilaa,Heebantuu fi Giddaa Saasiggaa qubsiifamaa jira. Haa ta’uu malee Waraanni Onaa Giddaa Ayyaanaa seenee jiru ,uummaataa nagaa irraatti yakkaa dalagaa jira, dubartoota humnaan gudeedaa jira, galgala galgalaa ummataa reebaa jira, fkn bakkaa Hootelaa Giloobaalitti yakki humnaan gudeeddii dalagamera.
Karaa biraan immoo Poolisoonnii Onaa Giddaa Ayyaanaa diddaa ummataa dura dhaabbachuu dadhabdan isinuu ABO dha jechuun waraanni Wayyaanee OPoolisoota kana reebaa akka olee fi garii isaanii akka hidhee jiru gabaafama.
hali keessaan bayyee gaaridha gabasa haluma kanaa itii fuma isiin hodofajira oduu harawa akkaana gura nubusamee
wayyaaneen waraana ishee bakka barbaadde yoo geessitees yeroon ishee dhumee horsosoofte jirti waan ta eef oromoon yeroo kamiyyu caalaatti qabsoo isaa jabeesse waljajjabeessee ka uu qaba yeroon isaas amma waan ta eef oromoo haakaanu wal haa kakaasnu oromiyaan ni bilisoomti gadaan gadaa bilisummaati!!!!!!
ginchii