Caamsaa 24,2012 Limmuu Galiilaa
Uummatni Oromoo Godina Wallagga bahaa aanaa Limmuu Galiilaa ganda saqalaajjee habashoonnii fi alagootni nu hin dhaalan jechuun qabeenya investera habashaa uummata oromoo qe’ee irraa buqqise Isaayyaas Arayyaa, motora bishaanii guutummaan barbadeessan.Uummatni Oromoo godina kanaa yeroodhaa yerootti tarkaanfii qabeenya investerootaafi habashootaa irratti jabeessuun mootummaa Wayyaanee yaaddoo guddaa keessa buusanii jiran.Mootummaan wayyaanee uummata beenishaangul gumuziifi uummata Oromoo walitti buusuun uummata Oromoo dadhabsiisuuf yaalus milkii dhabee jira.Barattootnii fi jiraattotni godina Wallaggaa bahaa aanaa haroo limmuu magaalaa haroo limmuu keesatti mootummaan wayyaanee uummata oromoo irraa dhimmaa hin qabu,OPDOn ergamtuu Wayyaaneeti,walitti bu’insa mootummaa wayyaaneen bixilameef mootummaan abbaa irree wayyaanee itti gaafatamummaa haa qabaatu jechuun dhaadatanii hiriira nagaa kan bahan yommuu ta’u sagaleen isaaniis Oromiyaa keessatti babal’achuun,mootummaa Wayyaanee yaaddoo guddaa keessa buusee jira.Mootummaan wayyaanees tika,poolisoota federaalaa,poolisoota oromiyaa naannoo kanatti bobbaasuun diddaa kana dhaamsuuf dhama’us uummatni Oromoo naannoo kanaa waraana mootummaa Wayyaanee waliin waldhaansoo guddaa qabee jira.
Tarkanifii akkanaa goodinalee oromiyaa hunda keessatti fudhachuun humna diinaa dadhabsiisuun deebii gaaffii yeroo ammaati.
Injifannoo uummata oromoof!