Caamsaa 20m2012 Naqamte
Tarkaanfiin Jala deemtota mootummaa Wayyaanee irratti fudhatamu daran jabaachaa dhufe.Mootummaa Wayyaanee waliin hidhata qabaachuun yeroo dheeraaf uummata Oromoo dararaa kan turee fi lammummaan Habashaa ta’ee kan miseessa OPDO ykn Dabballee Wayyaanee Laggasee Caanee Godina Wallagga bahaa Magaala Naqqamtee irraa 24km bakka fagaatee argamu Gottoo jedhamutti gaafa Caamsaa 18,2012 osoo inni sabboontota qabsiisee dookumantii sabbootonni ittiin qabamanii fi yakkaman qabatee gara mana dhidhaa Ma’ikalaawwiitti geessaa jiruu tarkaanfiin maayii irratti fudhatamee dokumanitiin fi qabeenyi inni baatu martuu harkaa fuudhamee sabboontota hidhaman ammo harkaa baasuun dandayamee jira.Laggasee Caanee qabsoo ilmaan Oromoon gaggeeffamu adda durummaan dura dhaabbachaa kan turee fi diddaa barattootni Yuunivarsiitii gaggeessan,Manneen barnootaa gaggeessan dabballummaan dura dhaabbachaa kan ture dha.Mootummaan Wayyaanee yeroo ammaa kana diddaa deemsifamaa jiruun rifaatii guddaa keessa seenuun waan qabee gadhiisu wallaalee ilmaan Oromoo mana hidhaa jiran isin kana cufa beektu jechuun Maa’ikelaawwii fi Xoor haayilooch keessatti darara guddaa irraan geessisaa jira.

1 thought on “

  1. kun qaama injifannoo bilisummaa keenya waan ta’eef ummatni keenya tokkummaan diina qee’e isaa tikfachuun yeroon isaa amaa.mootummaan wayanee yeroo ammaa kana iddoo baayyeetti wareere jira
    nagaatti
    GALAAN GALAASAA GOOLEE(G3)

Leave a reply to G3 Cancel reply