Oromiyaa Keessatti Tarkaanfiin Qabeenya Investerootaa irratti fudhatamu jabaatee itti fufe!!‏

Caamsaa 17,2012 Gabaasa Qeerroo Horroo Limmuu
Tarkaanfiin Qabeenya investerootaa irratti fudhatamu daran jabaachuun Godina Wallaggaa bahaa aanaa Haroo Limmuu keessatti Caamsaa 16,2012 qabeenyi investera Addish G/Yohaannis qabeenyi isaa naannoo ganda Bariisoo Birmajjii bakka abba Mo’aa Jedhamuutti Baabura midhan daakuu tokkoo fi konkolaataa Qonnaa lama kan daangaa Oromiyaa fi Gummuz gidduutti ittin qotaa jiruu ibidaan barbadeeffaman.
Abbaan qabeenyaa kun sababaa investment qonnaa baba’isuu jedhuun kallattiin Tigraay irraa ramadamee gara Wallaggaa kan dhufe yommmuu ta’u ilmaan Oromoo maqaa investerummaan baay’ina 250 ol lafa isaanii irraa buqqisuun irraan darbee yeroo ammaa kana sab-lammoota sulul Abbayyaa irra jiraatan meeshaa itti bituun uummata Oromoo ficcisiisaa akeeka mootummaa Wayyaanee fiixaan baasaa waan jiruufi dha.Waardiyaan abbaa qabeenyaa kanaa Isayyas Amsaalee jedhamu yeroo qabeenya kana irratti tarkaanfiin fudhatamu dura dhaabbachuuf tattaaffii waan godheef hedduu madeeffamee jira.Tarkaanfiin akkanaa guutuu biyyaa irratti jabaatee kan itti fufu tahuu ummanni Oromoo aanaa Haroo Limmuu jabeessee beeksisa.

2 thoughts on “Oromiyaa Keessatti Tarkaanfiin Qabeenya Investerootaa irratti fudhatamu jabaatee itti fufe!!‏

  1. Tarkaanfiin akkanaa cimee ittifufuu qaba. Diinagdee woyyaanee meeshaa dandaa’ame hundaan mancaasuun tooftaa fi tarsiimoo baay’ee barbaachisaa ta’e dha. Lubbuu namaa baay’ee hingaaga’u waan ta’eef fi akkasumas baasii hedduu waan hingaafanneef.

  2. haleellan haroo limmuu investera QABEENYA qaama wayanee irratti fudhate haleella gaarii ta’eef hundumtuu qe’ee fi qabeenya umamaa eggachuun dhimma abbaati.

    Hundumtuu yeroo qaba kunis bar tokko nan yaada dha ulaagalee wayaneen hojjetoota oromoo qorachaa ture ‘ investeroota naannoo oromiyaa ala jiran akkamti ilaalataaa? ‘ture nama aja’iba kunis warra jala fiigtuu wayaneef naaanno oromiyaatti lafa foltoo kana walii qoodan yerootti qorannaan hayyootni oromoo ittiin muddaman warri biroo gama dhaabatanii koflaa turan.

    kanaaf ega Lammiin keenya yeroo investerootni halagaa akka galaana guddaa daakan hiyyumatti waxalamaa jiru.ega oromoon maal eegaa?furmaatni tokko taanee qeerroo waliin Adda Bilisummaa Oromoo cinaa buunee bilisummaa keenya gonfachuu qabna kunis warra afaan faajjessu irraa fagaannee tokko taanee haa carraqnu.
    nagaatti
    GOOLEE

Leave a reply to obsaa Cancel reply