Caamsaa 09,2012 Dirree Dhawaa
Akkuma barame sodaa fincila Qeerroo irraa qabuun gidiraan TPLFn uummata Oromoo irratti raawwatamu daran hammaate,akka kanaan mooraa University Dirre Dawaa keessatti manni hidhaa baname.Qaamni mootummaa bulchisa federaalaa hanga wardiyyaatti sabboontota hidhuu dararuu fi barnoota irraa arihuun kaayyoo godhate kanaan walqabatee torbe darbe jechuun gaafa Caamsaa 05,2012 sa’aatii 12 irratti barattootni afur humna pooliisiin qabamnii halkan keessaa hanga sa’aatii afurii qorannoo fi reebicha wal makaan dararamaa turani. Sababiin barattooti kun itti dararaman kunis barattoota Oromoo fincilaaf qopheessitu, dabalataan amantii dawoo godhachuun shororkeessummaa ofaa jirtu jechuun doorsisaa turani. Hanga sochii dhaabdan waraqaan eenyummaa keessan hin kennamu jechuun ID barattootaa irraa funaananii dorkatanii jiru. Gara fuulduraafis isin shororkeessitoota badii dhufuuf itti gaafatamtu jechuun mallateesisisanuu, dargaggooti Oromoon kun “ Shororkeessan mootummaa waayaanee dha,niti mirga ummata Oromoof falmina malee shororkeessituu miti , nuti Qeerroo cunqursaa log sanyiin ykn Oromummaan godhamu hanga dhaabbatu fincilli itti fufuu beeksifna” jechuun humna tikaa wayyaaneetti gabaasuun beekamee jira.
Haala kanaan Barattootni Oromummaan yakkamanii waraqaa eenyummaa harkaa fuudhuu akeekkachiisa dhumaa fudhatanis:
1ffaa Barataa Geetaachoo Saaqqataa
2ffaa Barataa Nageessaa Gammadaa
3ffaa Barataa Dajanuu
4ffaa Barataa Darajjee
kanneen jedhaman yoo ta’ani dhiittaa mirga namoomaa raawwataa jiruuf Qerroon of eeggannoo gochuun falmaa akka jabeessu waamichi godhameera.dararaan qabsoo ni cimsa malee hin laaffisu.
Jabadha rabbii isinii waliin hata’uu!
Bilisummaa xiqqoon kun sababa jijjiiramaa akka ta’uun hawwa. Manni hidhaa kun hamma buqqa’utti jabadhaa itti fufaa!
Gidiraan,gara jabeenyi fi haleellaan diina qabsoo tarkanfachiisuu malee laaffisuu akka hin dandeenye wal nama hin mormisiisu!
Oromoni bakka jirtani ol ka.aa
Hello !! every one pls be united!!!!!!