Caamsaa 08,2012 Naqamte,Wallagga
Walitti bu’insa Mootummaan Wayyaanee uummata nagaan jiraatu gidduutti uumteen lubbuun namoota hedduu fi dhiigni hedduun dhangala’aa jira.Godina Wallaggaa bahaa aanaa Eebantuu ganda bakka Barbaree keessatti Wayyaaneen ummata Sulul Abbbayyaa irra jiraatan hidhachiisuun Oromoo irratti bobbaaftee Guyyaa kaleessaa Caamsaa 07,2012 lubbuun ilmaan Oromoo 4 dhabamee jira.
Kanneen kunis:-
1. Obbo Garbaa Caalii
2. Obbo Tasammaa Daamxoo
3. Obbo Hundee Amanuu
4. Obbo Garbii Mokonnin
Kanneen jedhaman lubbuun isaanii kan darbe yoommuu tahu kan saboota Sulula Abbaayyaa irra jiraatan hedduunis darbee jira.Walitti bu’insa kanaan qabeenyi hedduunis barbaadaa’aa uummatni mana dhabdee tahee jira. Oromoonni naannoo biroo jiraatan lola kanaaf birmannaa barbaachisu akka godhaniif ummanni naannichaa dhaammatee waan jiruuf aanaalee hedduu keessatti mariyatamaa akka jiru gabaasi qeerroo addeessa.
mootummaan halagaa durii kaasee ummata keenya gulgala godhatee kan ficisiisaa fi garboomsaa turee tooftaa adda addaa fayyadamuu ta’e amma iyyuu oromoon qe’e isaa kan kabachiisachuu ta’u eenyuun utuu hin ta’iin tokkummaan diina /wayanee/fi ergamtoota isaanii ifirraa facisuun dha.qaamni birooo yookiin UN nu bilisoomsa jechuun abjuu dha
kanaaf ABO/WBO waliin ta’uun gabrummaa uf irraa darbachuu qabna
nagaatti
GOOLEE