Caamsaa 06,2012
Godina Shawaa lixaa aanaa Ejeree keessatti mootummaan wayyaanee diddaa itti jabaachaa dhufe dhaamsuuf hojjettoota miseensa OPDO hin taane miindaa dhorkatee akeekkachiisa kennuu jalqabe.Mootummaan wayyaanee Dargaggoo Girmaa Araarsoo Olaanaa hojjetaa waldaa Gamtaa ganda Gorbaa ati Miseensa ABOti jechuun miindaa ji’a lamaa kan dhorkatan yoommuu tahu Obbo Ajjamaa Maraqii hojjetaa abbaa adeemsa qabeenya uumamaa aanaa Ejeree kan tahan fi hojjettoota kaan ABO waliin hidhata qabda jechuun hojii irraa arii’uuf akeekkachiisa dhumaa kennanii jiran.
Aanaa kana keessatti dabballootni wayyaanee
1. Obbo Mulgeetaa Abbabaa Badiluu hojjetaa extension qonnaa
2. Obbo Taammiruu Garramuu Zoodee Itti aanaa Bulchinsa aanaa fi itti gaafatamaa qonnaa aanaa Ejeree
Kan tahan mootummaa Wayyaanee waliin hidhata godhachuun yeroodhaa yerootti hojjettootaa fi qonnaan bultoota gooluu irratti argamu.Dabballootni kunneen hojii gufuu bilisummaa fi ilmaan Oromoo garbummaa bara baraa keessatti hambisuun akka lammii lammaffaatti lakkoofsisu kana irraa hatattamaan hin dhaabbattan taanaan tarkaanfiin gatii keessan madaalu akka isaan eeggatu qeerroon aanaa Ejeree dhaamsa dabarsa.
Kan nama gaddisisu maqaa oromootiin miseensa OPDO ta’anii tayyitaa kan ergatan hedduun ilmaan nafxanyaati. Miseensota OPDO iddoo lamatti qoodnee ilaaluu qabna. Isaan tokko ilmaan habashaa Afaan oromoo beekan yoo ta’an kaayyoon isaanii 1ffaa. oromummaa balleessuu 2ffaa. maqaa oromootiin hoggansa irra taa’anii qabeenya oromoo saamuu dha. isaan kanaan addatti
waraanuu qabna.
Warri sabaaf yaadan kan lammiif hadoodan .
Fedhii fi hawwii Sabaa, guutuuf kanneen ka’an.
Bu’aa dhuunfaa mitii kan isaan ilaalan.
Gammachuu isaanii sabaaf aarsaa godhu.
Imimmaan lammiidha irraa qorsuu fedhu.
Ofii midhamanii dhiganii ,cabanii,
Laphee lammii cabee kan hadhadhiyan.
Malee har’as boris bulanii ka’anii,
Madaa isa kaleessa saba madeessani,
Horfanii dhigsanii, laalaa itti kaasanii,
Natu si wal’anaa, sobaan hin mogsan.