Uummatni Oromoo Poolisootaa fi tika Wayyaanee irraa of ittise. Alaabaan ABO s Manneen barnootaa keessa balalii’aa jiru.

Caamsaa 02,2012 Laqamte
Uummatni oromoo Godina Wallagga bahaa Aanaa Limmuu,Fiixee bokkoo ganda 06 waraanaa fi tika mootummaa Wayyaanee bobba’uun diddaa dhaabuuf yaalan Caamsaa 1,2012 guyyaa guutuu of irraa ittisan.Uummatni Oromoo naannoo kanaa waan qaban fudhachuun poolisoota mootummaa wayyaanee doorsisaa fi qe’ee irraa buqqisuuf bobba’an tumanii of irraa arii’an.Uummatni Oromoo naannoo kanaa Poolisoota mootummaa Wayyaanee 4 hojii ala kan godhan yoommuu tahu jala deemtota mootummaa Wayyaanee
1. Dafaa Galataa dhimma nageenyaa aanaa Limmuu
2.Abdiisaa Gammadaa Hojjetaa dhimma nageenyaa
3. Abarraa Qorannoo yakkaa aanaa Limmuu
Kan tahan poolisoota guurratanii deeban waliin tumamanii diddaa uummataan naannoo sana irraa ittifamanii jiran.Waraanni Federaalaa mootummaa Wayyaanees uummata naannoo kanaa miidhuuf bobba’us uummatni karaa itti cufuun of irraa ittisaa jira.
Haaluma wal fakkaatuun barattootni Oromoo mana barumsaa
1. M/B Limmuu sad 2ffaa fi qophaa’inaa
2. M/B Barisoo sad 2ffaa
3. M/B Sugee sad 2ffaa
4. M/B Qeelloo sad 2ffaa
5. M/B Qaxaroo sad 2ffaa
Alaabaa ABO fannisuun gaaffiin oromoo haa deebi’u jechuun diddaa jabeessanii jiran.Barsiisotni manneen barnootaa kanneenii fi kanneen biroos diddaa uummataa deemsifamaa jiru kan tumsanii fi adda durummaan kan gaafatan tahuu ibsanii jiran.
Injifannoo uummata oromoof!!

2 thoughts on “Uummatni Oromoo Poolisootaa fi tika Wayyaanee irraa of ittise. Alaabaan ABO s Manneen barnootaa keessa balalii’aa jiru.

  1. Qeerroon hojii boonsaa dalagaa jira, hundi keenya cina haa dhaabbannu,
    garuu Magaalaa kun Laqamtee otoo hin taane Naqamteedha, haa sirraa’un jedha, Galatooma

  2. Akkas malee qeerroo koo dhaaga dhagahaa silas dachee sanyiin
    DHUGMAA JALDEESSOO abbaan fedhe keessa akka jaalate fololiúu danda’a ree?
    jabaadhaa yeroon bilisummaa keenyaa dhufaa jirti.bilisummaan lammiin oromoo tokko taúun diina irratti kaúu malee yeroo yerootti dhaaba oromoo bixiluun fi yaada lammii keenyaa faajjessuun furmaata hin fidu.
    jaabchuu qabna yaa qeerroo!!
    nagaatti
    GOOLEE

Leave a reply to Amansisa Cancel reply