Mootummaan Wayyaanee dhimma amantii keessa seenuun Oromoota ajjeesaa,Hidhaa fi doorsisaa jira.

Mootummaan Wayyaanee dhimma amantiin wal qabsiisuun uummata Oromoo siyaasa gaggeessitan jechuun miidhaa garaa garaa irraan gahaa jira.Haaluma kanaan Arsii Lixaa aanaa Gada Basaasaa keessatti maangoddoo Sheik Su’id Ahmed jedhaman dabalatee hordoftootni amantii Musliimaa sadii kan ajjeefaman yoommuu tahu Maanguddoon kun rasaasa mootummaa wayyaaneen rukkutamuun Hospitaala Xiqur Ambassaa keessatti du’aa fo Jireenya gidduutti argamu.Hordoftootni amantii Musliimaa fi uummatni naannoo kanaa 200 ol mana hidhaa moootummaa wayyaaneetti sababa kanaan kan ukkaamsaman yoommuu tahan mootummaan wayyaanee waraana hedduu bobbaasuun uummata Godina Baalee fi Arsii kanneen akka Kofalee,Shiraaroo fi Shaashimannee keessaatti karaa nagaa amantii isaanii akka hin gaggeessine gochuu irratti argama.Haaluma wal fakkaatuun Godina Shawaa Lixaa Ijaajjii keessattis dhiibbaan mootummaa wayyaanee irraa hordoftoota amantii kanaa fi kanneen biro irratti dhufaa jiru hammaachuun uummatni rakkachuu irratti argama.
Oduu wal qabateen Godina Iluu Abbaa Booraa fi Magaala Jimmaa keessatti mootummaan wayyaanee basaastota masgiida keessatti ramaduun uummatni karaa nagaa amantii isaa akka hin gaggeessinee fi qulqullummaan amantii isaanii akka hin hordofne gochaa jira.
Magaala Finfinnee fi Godina Harargee bahaa Awwadaay keessattis mootummaan wayyaanee barattootnii fi barsiisotni Awaaliyaa hiriira nagaa bahu sodaa jedhuun federaalota manneen barnootaa Islaamaatti naannessuun eeguu irratti argama.

2 thoughts on “Mootummaan Wayyaanee dhimma amantii keessa seenuun Oromoota ajjeesaa,Hidhaa fi doorsisaa jira.

  1. Ummanni keenya basaastota dammaqanii eeguun miidiyaarratti saaxilaabsanii salphisuu qabu. Akkasumas yakki yoo irratti hojjetame karaa adda addaa ragaalee funaananii kaa’uu ykn miidiyaarratti baasuu qabu.

Leave a reply to obsaa Cancel reply