Diddaan Qeerroo Jabaatee Itti Fufe.

Ebla 30,2012 Gabaasa Qeerroo Lixa Shawa

Godina Shawaa Lixaa aanaa Abuunaa Dindabaratitti diddaa dargaggoonni Oromoo qabsiisaniin mootummaan Wayyaanee dura dhaabbachuu dadhabee human waraanaa naannoo san turanitti kan biro dabaluun ummataa fi dargaggootaa goolaa turuun Qeerroon aanichaa gabaaan. Mootummaan Wayyaanee waraana isaa bobbaasuun ilmaan Oromoo mana hjidhaatti guuruun furmaata diddaan ittiin dhaabbatu kan itti fakkaate yeroo ta’u,Godinuma Shawaa Lixaa aanaa Abuunaa Gindabarat keessaa dargaggoota mana hidhaatti ukkaamsitee jirti.Yeroo ammaa dargaggootni

  1. Laggasaa Damee Ganda Gooroo Furtoo irraa
  2. Chaaluu Tolaa ganda Koluu irraa

Waraana mootummaa Wayyaaneen ukkaamsamanii bakka buuteen isaanii dhabanii jiran.Uummatni naannoo kanaa mootummaa Wayyaaneen yeroodhaa yerootti doorsifamaa kan jiranii fi galgala bilisaan deemuu dhorkamanii akka jiran gabaafame.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

1 thought on “Diddaan Qeerroo Jabaatee Itti Fufe.

  1. Yaroo humni woyyaanee ilmaan oromoo irratti yakka dalagdu haala nuuf dandaa’ameen dura dhaabbachuu ykn ragaa adda addaa qabanne eenyummaa yakkamtootaa miidiyaa irratti baasuu fi himataaf akka tolutti dokumentii goone kaa’uun barbaachisaa dha;qaama qabsoo keenyas ta’ee ittifufuu qaba.

Leave a comment