Sodaa Qeerroof Jecha Doorsisnii fi Sakatta’insi gaggeeffamaa jiru daran hammaachaa jiraatus Qeerroo fi Ummati adda baasuun dadhabame!.

Ebla27,2012 Gabaasa Qeerroo Dirree Daawwaa
Godina Harargee Lixaa Galmaa fi bahumsa magaala Ciroo fi Hirnaa keessatti mootummaan Wayyaanee waraana bobbaasuun uummata karaa deemu sakatta’aan rakkisuu irratti argama.Diddaa uummataa guutuu biyyattii keessatti itti jabaate jala dhaabbachuuf mootummaan wayyaanee yeroo ammaa naannoo magaalaa fi yuunivarsiitiilee keessatti waraana heddummeessuun uummata Oromoo doorsisuu irratti argama.Magaalli Dirree Dawaa,Yuunivarsiitiin Amboo,Miizan Teeppii,Yuunivarsiitiin Dirree dawaa,Yuunivarsiitiin Haramaayaa fi Magaalawwan Harar,Awwadayii Fi Haramaayaa yeroo ammaa kana waraana Wayyaanee fi tikaan dhuunfatamuun uummata hojii mataa isaa hojjetu doorsisuu irratti argamu.Doorsisni diddaa qeerroo daran jabeessa malee akka duubatti hin deebisnes Wayyaaneen jabeessee akka hubatju Qeerroon beeksisanii jiru. Hidhaa fi sakatta’iinis hammam yoo hammeetes diddaan ummata Oromoo hanga bilisummaa argatuttis itti fufuu beeksisanii jiru.

3 thoughts on “Sodaa Qeerroof Jecha Doorsisnii fi Sakatta’insi gaggeeffamaa jiru daran hammaachaa jiraatus Qeerroo fi Ummati adda baasuun dadhabame!.

  1. Jabaachun qeerroo raafammaa Dinaa haanga bakka butee isaa dhabamutii qabsoon haaqaa iti fufaa kan imoo muranoo sabaafii ummatichaa mirkannessaa ,,,,,,,,,,,

  2. Qabsoon ijoolleen oromoo amma gochaa jiran gootummaa, tokkummaa, waliigaltee, humna, maallaqa , yaroo, kkf cinaatti waan tokko barbaada:Innis mala/tooftaa fi tarsiimoo/ salphaatti diina balleessuu danda’u ittifufinsaan ijaaraa adeemuu dha. Akkuma haala yarootti mala adda addaa babbaasaa adeemuu qabna. Haala itti TPLF taayitaatti baate yoo xiinxalle gootummaa fi humna qofa akka hinfayyadamne dha. Meeshaa guddaan ishiin fayyadamte mala/tooftaa dha. Maqaa saba adda addaatiin dahhaba adda addaa dhaabuun dhaaba ishii mormu hundumaa dadhabsiisaa adeemte. Nutis kana gochuu qabna jechuu kiyya miti; nutis tooftaa irrattis xiyyeeffachuu qabna.

Leave a reply to obsaa Cancel reply