(Qeerroo, Naqamtee, 22 Ebla 2012) Godina Wallaggaa bahaa aanaa Jiddaa Ayyaanaa keessatti uummatni Oromoo waraana mootummaa wayyaanee meeshaa waraanaa Gumuz hidhachiisuun uummata Oromoo fichisiisaa jiru irratti tarkaanfii fudhatame.
Akka oduun Qeerroo naannoo sanaa nu gahetti yeroo ammaa kana miidhaa fi roorroon ummata Oromoo irra gahaa jiru addatti kan ummata Oromoo irratti xiyyeeffate waan ta’eef ummati gamtaa’ee tarkaanfii of- ittisaa fudhachuu eegalee jira.
Akka kanaan humnoota Oromoo ajjeesaniif dahoo ta’aa kan turan Poolisoota federaalaa keessaa tokko ajjeesuun poolisoota federaalaa lama immoo madeessuun waraana wayyaanee bobba’e bittinneessanii jiran.
“Uummatni Oromoo ollaa isaa waliin nagaan akka hin jiraanne kan gochaa jiru itti gaafatamaan mootummaa wayyaanee ti,” kan jedhan ummati naannoo, “mootummaa nageenya keenya nuuf tiksu haga hin qabaannetti bakka jirrutti tarkaanfii of-ittisaa fudhachuun keenya dirqama; lammiin keenyas haala kana akka nuuf hubattanii nu cina dhaabbatan isiniif dhaabne,” jechuun waamicha dhiyeessanii jiru.
mixxiin wal qabatee laga ceetti akkummaa jedhamuu nuus yoo wal qabaanne guyyaa nutti billisoomnuu hardhaa
ummanni oromoo daangaa oromoo waliin tiksuu qaba; ummata aanaa kanaa tumsuu qabna.
ummatni oromoo yeroo fedhe iyyuu diiinni tooftaa adda addaa gulga godhatee lammii keenya lafa irraa baleessuuf kan yaaluuu baayyee waan ta’eef barumsa ummata baha wallaggaatti ona giddaa ayyaanaatti qixa sirrii ta’ee naannoo birro kanaaf birmachuu qabna hanga yoomitti gabrumaan?
nagaatti GOOLEE