Diddaan Gootota Barattoota Oromoo Lixa Shawaa Itti Fufe!

Ebla 20,2012,Gabaasa Qeerroo Geedoo
Lixa Shawaa Aanaa Geedoo mana barnootaa sadarkaa 2ffaa barattootni kutaa 12ffaa kan ta’an baayinni isaanii 500 ol ta’an kutaa 12 ffaa kan baratan qormaata biyyoolessaatti kan dhiyaatan,akkasumas barattoota Aanaa Midaaqany ,sadarkaa 2ffaa,kan kutaa 12ffaa baratan baayinni isaanii 200 ol ta’an akkkasumas barattoota Aanaa Dandii,Meettaa Roobii barattoota kutaa 12ffaa ta’an baayinnii isaanii heddumminaan mootummaan Wayyaanee walitti qabuudhaan heera mootummaa Wayyaanee hin fudhattan yoo ta’e,fincila goochuun diddaa gaggeessaa jirtan hin dhaabdan yoo ta’e qormaata akka hin fudhanne isin dhorkina jedhee akka doorsisaa jiru beekame. Kanas ta’ee barattoottoon jechaa fi doorsisa kana dura dhaabbachuun gaaffiin keenya nuu deebi’uu qaba sababaa doorsifamnuufii hin jiru jechuun mootummaa Wayyaanee irratti fincila kaasanii akka jiran gabaasi Qeerroo addeessa. Gootonni barattooti Oromoo manneen barnoota kanaa kunis doorsisa kana sodaan utuu itti hin dhaga’amin diddaa isaanii itti fufanii jiru.Waan irra gahame itti fufuun qeerroo lixa Shawwaa irraa jala bu’ee ni gabaasa.

Leave a comment