Ebla 20,2012 Gabaasa Mattuu Irraa
Waraanni Wayyaanee Godina Iluu abbaa Booraa aanaa Buree gandoota Gommaa fi Hooboo Mirriigaa jedhaman keessatti bobba’uun uummata Oromoo nagaa isin ABOti,WBO nyaachisuu fi gargaaruun akka waraanni mootummaa rukutamu taasiftaniittu jechuun uummata irratti qorannoo jabeessuu irraan darbee nama karaa deemu hunda sakatta’aan rakkuu irratti argamu.Waraanni mootummaa Wayyaanee kun torbaan darbe haleellaa WBOn irratti fudhatameen baaragee ummata naannoo sanii ijaa bahuuf jecha olii fi gadi haa kaatu malee kanuma waliin haamleen isaa guddoo bu’ee akka jiru ummanni naannichaa gabaasa. Kanuma waliin ummani anaa kana keessa jiru sochii WBOn taasisee fi tarkaanfii fudhatameen abdii guddaa horatee akka jiru qeerroon naannicha irraa gabaasa
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!
Rukuttaan akkanaa kun harcaatota woyyaanee irratti godinaalee oromiyaa ka biroo keessattis babal’atee fi jabaatee itti fufuu qaba. Yoo akkana ta’e xiyyeeffannoon woyyaaneen bakka tokko ta’uu hafee duraa faffaca’a. Akkanaan humna ishii lamshessina.