Ummanni Oromoo Godina Iluu Abbaa Booraa Waraan Wayyaanee Ummata Jeequutti dhangaa gurguruu dide.

Ebla 13,2012 Gabaasa Qeerroo Iluu Abbaa Booraa
Waraanni Mootummaa Wayyaanee Godina Iluu Abbaa Booraa keessatti bobba’e dargaggoo Oromoo kanneen ta’an karaa irraa fi magaalota keessaa ukkaamsanii mana hidhaatti darbaa jiraachuun beekame. Mootummaan Wayyaanee diddaa Qeerroo deemsifamaa jiru dura dhaabbachuu waan dadhabeef uummata nagaa waraana bobbaasee goolii irratti uumaa jira.Uummatni Oromoo naannoo kanaas waraana Wayyaanee bishaanii fi midhaan nyaatamu gurgura dhorkuun diddaa fi jibbinsa qaban ifatti mul’isaa jiran.

2 thoughts on “Ummanni Oromoo Godina Iluu Abbaa Booraa Waraan Wayyaanee Ummata Jeequutti dhangaa gurguruu dide.

  1. Woyyaaneen dhiibbaa ishii bakka tokkotti yoo cimsitu bakka biraatti jeequmsa ishii irratti kaasuun yeroo tokkotti iddoo baay’eetti ibidda qabsiisuudhaan to’annoof akka ishii rakkisu gochuu qabna. Jeequmsi iddoo hedduutti walfaana yoo ka’e kisaaraa maallaqaa ishii irraan gaa’aa; to’annoofis itti hintolu.

Leave a reply to obsaa Cancel reply