Diddaan Barattoota Oromoo Itti Fufee Mootummaan wayyaanee Barattoota ABO dha Jechuun Yakke

Ebala 11,2012 Qeerroo Naqamte
Mootummaan Wayyaanee Yuunivarsiitii Wallaggaa keessatti barattoota Oromoo karaa nagaa mirga Oromummaa gaafataa jiraniin isin Miseensa ABO ti jechuun barnoota irraa arii’uuf akeekkachiisa dhumaa kennuun gabaasai nu gahe addeessa.
Barattoota oromoo Yuunivarsiitii Wallaggaa Qeerroo isintu qindeessa,ABO waliin hidhata qabdu jechuun barattoota Oromoo barnoota irraa arii’uuf akeekkachiisa haakkennu malee barattoonni diddaa isaanii itti fufanii hanga ammaa yuuniversity Wallaggaa raasaa jiru. Haala kanaan Ebla 09,2012 maqaa qeerroo qindeessituu fi ABO jedhuun barattoota Oromoo akeekachiisa dhumaa itti kenname keessaa:-
1. Barataa Lammii Baayisaa muummee sport waggaa 3ffaa
2. Barataa Abdataa Baqqalaa Muummee Ingiliffaa waggaa 3ffaa irraa
Akeekkachiisni itti kennamuu irraan darbee waraana mootummaa wayyaanee yuunivarsiitii keessaan doorsifamuu irratti argamu.Mootummaan Wayyaanee diddaa barattootaa dhaamsuuf tooftaa garaa garaa deemtus tasa lmilkaa’uufii hin danda’u.Qeerroon diddaa jalqabes hanga bilisummaa hin dhaabu jechuun barattoonni diddaa isaanii muldhisuu irra darbanee daree adda adda irratti waraqaa waamicha qabsoo maxxansanii jiru.

2 thoughts on “Diddaan Barattoota Oromoo Itti Fufee Mootummaan wayyaanee Barattoota ABO dha Jechuun Yakke

  1. qeerroon diddaa fincila diddaa gabrummaa cimsee jabaatu hanguma kanaa halagaan nu jilbeeffachuu fi umurii dheerefachuuf tattaaffii hin goone hin jiru
    kanaaf hundi keenya lammiin oromoo qeerroo cinaa dhaabachuun qabsoo bilisummaa oromoo cinaa dhaabachuun qabna.diinni diinuma keessumaa warri
    maqaa dhaaba oromoo bixilachuun afaan faajjeessaa jiran uf-eegachuun nu barbaachisa
    jabaadha qeerroo wabi oromoo!
    nagaatti
    goolee

  2. eeyyeen wayyaanoti ilmaan oromoo gadachuu,hacuucuu tti akka jiran ragaan ijaan argine fi argaa jiru ga’aa dha kana caalaa hamma isheen nu qaltuutti of iratti eeguu hin qabnnu yaa ilmaan oromoo qabsoo keenya finiinsuuf immoo qeerroo cina dhaaabbaannee tokkummaan diina mancaasuu qabna

Leave a reply to nagaa Cancel reply