Ebla 10,012 Gabaasa Qeerroo Finfinnee
Rakkoon Miseensota Koree Gidduu Galeessaa fi Koree Hojii raawwachiistuu DH.D.U.O keessatti dhalachuun hojii irraa wal arii’aa,aangoo irraa wal buusuun jeequmsa gidduu isaaniitti uumee jira.Walgahii isaanii Torban kana taasifame keessatti waldhabdii guddaanii fi walshakkiin gidduu isaaniitti uumamuun aangoo irraa wal darbanii jiru.Haala kanaan:-
1. Isheetuu Dassee barreessaa waajjira Koree Gidduu galeessaa kan turee fi dhalootaan shawaa kaabaa kan tahe hojii irraa arii’amee jira.Bakka Isheetuu kanaas Hiriyyaa haadha manaa Obbo Mallasaa kan taate Aster Maammoo bakka buutee akeeka wayyaanee galmaan gahuuf waadaa seenuun ishee saaxilameera
2. Alamaayyoo Ijjiguu Ministeera Sab quunnamtii federaalaa irraa hojii irraa dhorkamee jira.Namni kun lafa Oromoo naannoo Finfinnee maqaa Investmentiin gurguraa turuun isaa fi dhalootaan Shawaa Lixaa tahuu,Bulchaa Godina Shawaa Lixaa fi Shawaa Kibba lixaa tahuu keessa beektotni ifa godhanii jiru.
3. Lammaa Magarsaa Koree Hojii raawwachiistuu irraa gara Koree Gidduu galeessaatti jijjiiramee jira.Waggaa 10 oliif dhimma nageenyaa irra turuun ilmaan oromoo mana hidhaatti guursisaa turuun isaas beekameera
4. Zalaalam Jammaanee Namni Kun yeroo dheeraaf barreessaa Waajjira OPDO tahuun tajaajilaa kan turee fi lafa oromoo naannoo Finfinnee duuressoota biyya alaa kanneen akka Paakistaan,China,..gurguraa kan ture tahuus bira gahamee jira.Yeroo ammaa kanas gara Waajjira Qonnaatti gadi bu’ee jira.Hojii basaastummaan Tiraafika Godina wallaggaa Lixaa tahee osoo hojjetuu waajjira OPDO akka seenes keessa beektotni isaa ifa godhu.
5. Ahmed Abbaa Jiksaa Ministeera haqaa keessaa guutummaan arii’amee jira.
Koreen Gidduu Galeessaa OPDOs qoqqobbii cimaa Pirezedaantii Naannoo Oromiyaa kan ofiin jedhu Alamaayyoo Atoomsaa irratti kaasuun raafamaa kan jiranii fi Alamaayyoon dhukkubaan Biyya Thiland keessatti cinqamaa jiraachuun bira gahamee jira.Haala kanaan mootummaan Wayyaanee wal amantii wal irraa dhabuun raafamaa jirti.Mootummaan Wayyaanees yoomuu OPDO hin amantu.Kanaaf hiriyyaa fi firaan muuduu irratti argamti.
Kanuma waliin ilmaan Oromoo kanneen OPDO jala galanii Wayyaaneef ergamaa jiran amma irraa gara qabsoo bilisummaa Oromootti akka makaman Qeerroon waamicha dabarsaa jiraachuun beekama.
Hundinu hattu dha.maal kaayyo qabdi miti.ABO ‘n qofa amma ha jabaatu nuf
Mani gogaa harreetin ijaarame yeroo bineensi yuusu cicitti jedha sabinkoo
Wayyaaneen qabsaa’ota oromo fixee dhabamsisaa jiraa
ABO nis kan ummatA oromo qalaa turtee dha kanaaf faayidaa oromoof qaba jadhe hin abdadhu Rabbin isa ha yaadatu male ABO’n matumti isaa hattu dah.hattu dhiga nama xuuxxe fixee
yoona malee yoomiree…walanyaatuu maaltu nudhibe.