Warri Biyyaaf Yaadu Sabboontonni Oromoo Biyya Alaa Qeerroof Gumaacha Maddisiisan.

Ebala 09,2012 Gabaasa Qeerroo Finfinnee

Qabsaawotii fi Sabboontonni Oromoo roorroo gidiraa gabrummaa jibbanii bifa adda addaan biyya alagaa qubatan,sochii warraaqsa dargaggoota biyyoolessaa kan bilisummaa fi dimokraasii(Qeerroo) n biyya keessatti taasisaa jiru cinaa dhaabbachuuf jecha gumaacha maallaqaa fi yaadaa qeerroof kennan.

Sabbootonni Oromoo kun maqaa Tumsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo jedhuun Ameerikaa kaabaa fi Austraaliyaa akkasumas Auroppaa keessatti wal ijaaruun Qeerroo sochii warraaqsaa irra jiru waliin quunamtii horatanii tinnisa barbaachisu gochaa jiru.

Haala kanaan Addatti Tokkummaan Tumsa Qeerroo bilisummaa biyya Australiyaatti ijaarame gumaacha maalqaa fi degersa adda addaa Qeerroof barbaachisu nuu erguu isaaniitti Qeerroon Oromiyaa keessa jirru guddoo galateeffana jechuun koreen Qeerroo Finfinnee irraa beeksisanii jiru.

Gara fuula duraattis Oromoonni biyya alaa qubatan garaagartummaa fi dhimmoota qabsoof bu’aa hin buufne irratti yeroo dabarsuu dhiisanii waan firii qabeessaa fi gara qabsoo qabatamaa lafa irra jiruutti deebi’uuf tumsa birmannaa qabsoo alaa fi keessaan gochuun karaa akka ta’e qeerroon dhaammata.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!!

2 thoughts on “Warri Biyyaaf Yaadu Sabboontonni Oromoo Biyya Alaa Qeerroof Gumaacha Maddisiisan.

  1. Hojiin qeerroon hojjetama jiru hedduu dha;daraan jabaatee akka ittifufuuf sabbontonni hunduu qeerroo tumsuu qabu.

  2. Ija(agartuu) oromoo biiftuu oromiyaa jabeessi tokkummaa si abdiin biyyaa itti qabsoo baasi gumaa sabboontotaa ,qeerroo malee hin qabdu abdii oromiyaan ka’aa waliin kaana du’a maaf sodaanna seenaa galmeessinee oromiyaa bilisoomte faajjidhaan ilaallaa.oromoonni alaa ,warri biyya keessaa gaafas bilisoomnaa wayyaaneefi galtuu ishee dhahaa barbadeessaa……….

Leave a reply to obsaa Cancel reply