Basaastotni Mootummaa Wayyaanee, Wayyaanumaan reebaman!!‏

Ebla 09,2012 Gabaasa Qeerroo Finfinnee

Basaastotni Mootummaa Wayyaanee Yuunivarsiitii Finfinnee Damee Bishooftuu keessatti barattoota Oromoo diinatti kennaa turan Waajjira Poolisii Bishooftuutti basaastummaaf yoommuu deeman Mootummaan Wayyaanee amantamummaa dhabuun reebuun salphiste.Sabboontotni Yuunivarsiitii Finfinnee Damee Bishooftuu akka ibsatanitti Jala deemtotni mootummaa Wayyaanee yuunivarsiitii kana keessaatti bara dheeraaf Wayyaanee tajaajilaa turan

  1. Toleeraa Dagafaa fi
  2. Abdoo Amiin barataa waggaa 4ffaa kan tahe

Hojii basaastummaaf waajjiira poolisiitti bobba’anii  isinummaanuu ABOf basaasitu ABOf hojjettu isin irratti barreerra jechuun Poolisooti Wayyeenee qaanessanii reebicha hamaa irraan gahuun beekamee jira.Mootummaan wayyaanee miseensota ishee amantamummaa irraa dhabuun cinqamaa jiraachuunii fi diddaan gaggeeffamaa jiru uummata hundaa biratti fudhatama qabaachuu mootummaan wayyaanee waan amanteef kana gochuuf dirqamtee jirti.

Miseensota waraanaa fi human poolisaa kanneen Oromoo ta’an yeroo ammaa kanatti ABOn isin ijreera ilaachi keessan qajeelaa miti sababa jedhuun gamaagamaa fi doorsisa irra akka jirtu maadheeleen Qeerroo mootummaa keessa jiran gahaatti ibsaa jiru.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

 

1 thought on “Basaastotni Mootummaa Wayyaanee, Wayyaanumaan reebaman!!‏

  1. Wayyaanee hidda ishii tokko tokkoon cirree gogsuu qabna. Akkuma woyyaaneen basaastota ishii ummata keessatti facaastee ummata balaaf saxilbaastu nutis warra afaanii fi gurra wayyaaneeta’anii nu keessatti hojjechuu dhufu irratti tarkaanfii fudhachuun gurra wayyanee duuchuu fi ija isaanii jaamsuu qabna.

Leave a reply to obsaa Cancel reply